Shirri diigumsaa akka jiru mirkanaa’eera.

  



Finfinnee #Ethiopia Muddee 01/2016(YMN) Ministir di’eetaa ministeera Nagaa ta’uun tajaajilaa kan ture obbo Taayyee Danda’aa taaaitaa irraa kaafameera.

Obbo Taayyeen xalayaa muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad barreessaniin taayitaa itti muudame irraa akka kaafame beekameera.

Xalayaan muummichaan bareeffameef ‘Fulbaana 28 bara 2014 irraa eegalee ministir di’eetaa ministeera Nagaa ta’uun shoora gumaachitaniif  galateeffachuun Muddee 1 bara 2016 irraa eegalee itti gaafatama irraa akka kaatanin beeksisa’ jedha.

Obbo Taayyeen xalayaa hojiirraa kaafamuusaa mul’isu kana fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti galagala kana maxxanseera.

Obbo Taayyee Danda’aa xalayaan hojiirraa ka’uu erga isa dhaqqabee booda karaa miidiyaa hawaasummaa isaatiin muummicha ministiraatiif ergaa armaan gadii kana Afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin ,maxxanseera.

‘Kabajamoo Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiif

Yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe. Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada. Turtii waliin qabaannef galatoomaa!’

Hagan jirutti qabsoon nagaa fi obbolummaa ummataatiif godhu itti fufa!’


Egaa taatee kanaan diinni gammachuudhaan fishiliqaa jira.Wal qoodumsa uumuudhaan Badhaadhina moo’achuu waan danda’an itti fakkaatee akka malee gammaduusaanii argaa jirra.Tibbana obbo Taayyee Danda’aa yaada faallaa qabachuun miidiyaawwan adda addaa irratti ergaa dabarfachaa tureera.Ergaan Taayyeen dabarfachaa ture kun diinni akka gammaduuf balbala baneera.Ergaa har’a dabarseenis kanuma dabale.Taayyeen shira ilaalcha hawaasaa qoqqooduu keessa akka seene ergaa inni galgala kana dabarse irraa hubachuun nidanda’ama.

Oromoon yoo mammaaku’Reeffa firaa torba gargalchu’jedhee mammaaka.Kan Taayyee akkas ta’uudhaan hanga ammaattuu turuu danda’e.Waan hunda irratti akki inni mul’isaa ture har’aan kan isa ga’u hinturre.Egaa obsis daangaa qaba.Wanti ta’uu qabu kunoo yeroosaatti ta’eera.Waan fuulduratti ta’u  ammoo walumaan kan ilaallu ta’a.

 

 

Post a Comment

0 Comments