Turtii Naannoo Sumaalee

 


Finfinnee Guraandhala 05/2016(YMN) Hojiin Abbichuun biyyaaf hojjechaa jiran kan himamee dhumu miti.Kaleessa ganama Naannoo Sumaalee Godee dhaquudhaan buufata xiyaaraa eebbisan.Turtii waaree boodaatiin ammoo hadha warraasaanii Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoofi qondaaltoota kanneen biroo wajjin hojiiwwan misoomaa Jigjigaa keessatti hojjetaman daawwatan.


Daawwannaa taasifameenis Hospitaala Rifeeraalaa Sheek Hasan Yaabaaree haareffamee kan daawwatan yoo ta’u, akkasumaas walitti hidhamiinsa magaalichaa kan saffisiisu Daandii Asfaaltii haaraa kiiloo meetira 18 ijaarame gamaaggamaniiru.
Dabalataan gamoo mana maree naanichaa haaraa fi sadarkaa jireenyaa jiraattootaa Magaalaa Jigjigaa fooyyessuuf hojiilee misoomaa waaraaf xiyyeeffannaa kennaman daawwachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
Galgala ammoo gareedhaan miilaan akka imalaa turan beekameera.Waandansaadha.Ta'uu qaba.Garuu ammoo of eeggannoo guddaa barbaada.Baandaawwan kan diina alaatiif ergaman utuu jiranuu bilisaan socho'uun barbaachisaa hinta'u!Isaan maqaa barbaadu.Kanaaf sadarkaa barbaachisuun of eeggannoo taasisuun dirqamadha.Quuqamaafi yaaddoo Abbichuuf qabutu kana najechisiise.

Post a Comment

0 Comments