Yaa'ii hooggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa

 



Finfinnee Guraandhala 09/2016(YMN) Yaa'iin hooggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaan har'a Magaalaa Finfinneetti jalqabama.Hirmaattoonni yaa'ichaa kaleessa dabalatee tibbana Magaalaa Finfinnee galaniiru.Ministir deetaan tajaajilaa komunikeeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaa ibsa kaleessa kennaniin yaa'icha irratti hirmaachuuf hooggantoonniifi bakka bu'oonni biyyaalee ardii Afrikaa 49 Finfinnee galaniiru.Xiyyeeffannoon yaa'ii baranaa damee barnootaa irratti akka ta'e beekameera.Adeemsa yaa'ichaa wajjin walqabatee Itiyoophiyaan walgayiiwwan lama akka qopheessite beekameera.

Adde Salaamaawiit Kaasaa har'as haala walfakkaatuun ibsa kennaniin yaa'ichi daqiiqaa muraasaan booda akka jalqabamuuf jiru beeksisaniiru.

Adde Salaamaawiit ibsa daqiiqaawwan muraasaan dura kennaniin akka mirkaneessanitti adeemsi yaa'ichaa jalqabamuusaatiin dura muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad Pirezidaantii Suudaan kibbaa Saalvaa kiiriifi pirezidaantii Ziimbaabiwee Eemarsan Minaangaagawaa akkasumas  pirezidaantii Baankii Misooma Afrikaa wajjin mari'ataniiru.
Dr.Abiy yaa'ichi eegalamuusaatiin dura pIrezidaantii Baankii misooma Afrikaa wajjin mari'achuunsaanii hiika guddaa qaba.Itiyoophiyaan kan xiyyeeffatte misooma irrattidha.Waldhabdee hinfeetu.kana nuuf hubachuudhaan misooma keenya deeggaraa ergaa jedhu qaba.
Haala kanaan dura barame waajjin yoo walbira qabamee ilaalamu yaa'ichi jalqabbiin yaa'ichaa tureera.Sababiinsaa maal akka ta'e hinbeekamne.Ganama eegalama jedhamee kan eegame ta'ullee gara waaree boodaatti waan darbuuf jiru fakkaata.Hanga waaree dura sa'aatii 5:58'tti yaa'iin Gamtaa Afrikaa 37ffaan hinjalqabamne.



Post a Comment

0 Comments