Deebii hatattamaa diinaaf kenname



Jiraattoota Hararii

Finfinnee Bitootessa 29/2016(YMN) Hiriira deeggarsaa mootummaa jijjiiramaa ummanni Oromiyaa torban darbe gaggeesse erga arganii booda diinonni qoosuuf,gadi qicuuf yaalanii turan.Inumaatuu olola gadi qicuu jalqabanii turan.

‘Dr.Abiy Muummicha ministiraa Oromiyaa qofa akka ta’e qabatamaan agarre’ jechuun baacuuf yaalan.Deebiin qoosaafi olola diinaatiif kenname saffisaa akka ta’e torban kana qabatamaan mul’atee argan.

Deebii hatattamaa Ummanni Itiyoophiyaa hundi kenneen boquu isaanii gadi qabachuuf dirqaman.Jiraattoonni Magaalota gara garaa Naannolee biroos akkuma jiraattoota Naannoo Oromiyaa adda babayiitti ba’uudhaan deeggarsa mootummaa Jijjiiramaatiif qaban qabatamaan mul’isan.Sanbataafi Dilbata qaamoleen hawaasaa gara garaa hiriira ba’uudhaan deeggarsa mootummaa jijjiiramaatiif taasisan dirreetti ba’uudhaan ergaa dhaadannoowwan gara garaatiin dabaalanii dhageessisaniin mul’isan.

Jiraattoota Alaabaa-Qullittoo

Diinni kanaan akka gaddeefi abdii akka kutate nibeekama.Gochi badii shororkaa abdii kutannaa kana irraa kan maddu akka ta’e nibeekama.Naannoo Amaaraa iddoo Finoota-salaam jedhamuudhaan beekamutti torban kana qofa yeroo lama Boombii dhoosuudhaan lammiiwwan akka midhaman taasifameera.Kan jalqabaa Barattoota kutaa kurnaffaa kutaa keessatti qormaatamaa turan irratti dhoofame,balaa dhooyinsa boombii kanaanis barattoonni lakkoofsaan 31 gahan madaa’aniiru.Jaha ammoo wal’aansa cimaadhaaf gara dhaabbilee wal’aansaatti ergamaniiru.Barattoonni garee Jaawwusaatiin ergamuudhaan Boombii dhoosan koomaand-poostii naannawicha jiruun too’annoo jala akka oolfaman himameera.

Gochi abdii kutannaa kun itti fufuudhaan achuma Finoota-salaam iddoo gabaatti Boombii dhoosuudhaan Nammoonni 34 balaa madaa’uutiif akka saaxilaman taasifameera.Kun gocha shororkeessitummaa abdii kutachuu irraa maddedha.Kanneen gocha badii kana raawwatanis too’annoo jala olfamuun isaanii waan hinoolledha.

Gareen finxaalessaan Naannoo Amaaraa akkuma garee shororkeessaa Shaneetti goota Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatiin rukatameera.Kan haleellaa jalaa miliqan riphanii dhokachuudhaan yaaddoo irra akka jiran hubatameera.Kanneen carraa argatan harka kennatanii karaa adeemsa nagaatti deebi’aa jiru.

Ummanni jiddu gala biyyaatti argamus mootummaa jijjiiramaa maddii dhaabbatee akka jiru hiriira deeggarsaatiin mirkaneesse.Kun ammoo finxaaleeyyiin hundumtuu abdii kutachuun ummata nagaa irratti miidhaa akka geessiftu taasiseen.Hindanda’an malee utuu danda’anii iddoowwan gara garaatti haala walfakkaatuun balaa suukaneessaa geessisu turan,garuu irra jiraan isaanii Raayyaa Ittisa biyyaatiin waan gobamaniif kana gochuu hindanda’an.

Jiraattoota Asoosaa

Ummanni bal’aan Naagaafi misooma akka barbaadu,kana ammoo kan mirkaneessuufii danda’u mootummaa jijjiiramaa qofa akka ta’e deeggarsa mamii malee taasiseen mirkaneesseera.Ammaan booda ololli diina keessaafi alaa miidiyaawwan gara garaatiin afarfamaa oolu ummata bal’aadhaan fudhatama argachuu hindanda’u.Deebiin hatattamaa ummanni bal’aan finxaaleeyyii hundumaaf kennaa jiru boonsaadha.

Post a Comment

0 Comments