Hiriirawwan deeggarsaa milkaa'inaan gaggeeffaman




Finfinnee Bitootessa 28/2016(YMN) Har'a barraaqa irraa eegalee jiraattoonni magaalota gara garaa deeggarasa mootummaa jijjiiramaatiif qaban hiriira nagaatiin ibsaniiru.Magaalaa Finfinnee barii barraaqa sa'aatii 12 irraa eegalee adda babayii Masaqalaatti yaa'uu eegalaan.Sirna hiriira deeggarsaa kana irratti kan argaman itti aanaan kantiibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zyaanxiraar Abbaay ergaa dabarsaniin jiraattoota Finfinnee galateeffataniiru.Jijjiiramoota gama misoomaatiin Finfinnee keessatti mul'achaa jiran yaadachiisuudhaanis hirmaannaan ummanni taasisaa jiru finiinee akka itti fufuuf gaafataniiru.Jiraattoonni Magaalaa Jigjigaas haaluma walfakkaatuun deeggarsa mootummaa jijjiiramaatiif qaban hiriira ba'uun mirkaneessaniiru.Magaaloota kanneen biroo keessattis hawaasni hiriira ba'uun mootummaa Jijjiiramaa mamii malee akka deeggaru mirkaneesseera.Ummanni Naannoo Oromiyaa torban darbe keessa magaalota Oromiyaa hedduu keessatti hiriira deeggarsaa akka gaggeesse niyaadatama.

Kun kanaan utuu jiruu Finfinneetti hiriirri deegarsaa har’a gaggeffame nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.

Hiriirichi akka nagaan xumuramuuf qaamolee tumsa taasisan fi itti gaafatama isaanii dammaqinaan bahataan humnichi waloo galateeffateera.

Hiriira deeggarsaa har’aa gaggeeffame nagaa fi milkaa’inaan akka xumuramuuf humnichi waloo qophii barbaachisaa taasisuun hojiitti galuu yaadachiiseera.

Hiriirri hawaasni kutaalee magaalatti hundarraa baba’anii fi qondaaltonni mootummaa irratti hirmaataan nagaan xumuramuus beeksiseera.

Sagantaaleen garaagaraa addabaabaayitti gaggeeffamaa turanis nagaan xumuramu kan yaadachiise humnichi waloo, hawaasni qaamolee nageenyaa cinaa ta’uun tumsa barbaachisa taasisuu, keessumaa qaamoleen nageenyaa hunduu itti gaafatama isaanii dammaqinaan bahachuun, taateewwan magaalattiitti bara 2016 gaggeeffaman karaa nagaan akka xumuraman taasisuu yaadachiiseera. 

Post a Comment

0 Comments