Tooftaa gaarii rakkoo bulchiinsa gaarii maqsu




Finfinnee Ebla 10/2016(YMN) Rakkoon bulchiina gaarii iddoo hunda jira.Akka dhukkubaatti biyya weereere.Hojjetaan mootummaa kanneen harkaan deeman malee miilaan kan deemaniif  xiyyeffannoo akka hinkennine himamaa ture.Inumaatuu dhiyeenya kanaa asitti hawaasni tajaajila barbaadu argachuuf maallaqa kaffaluun dirqama akka itti ta’e eeramaa tureera.

Mootummaan rakkoon kun dhabamee ummanni tajaajila caasaa mootummaa irraa barbaadu maallaqasaatiin akka hinbitanneef irra deddeebiidhaan himaa ture.Abbaan dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti dhimmisaa akka xumuramuuf barbaadu ammoo waamicha mootummaa kanaaf xiyyeeffannoo akka hinkennine beekamaadha.Kan maallaqa qabu maallaqasaa baasee tajaajila barbaadu argata.Namni maallaqa hinqabne ammoo mootummaatti quba qabuun abaaree biraa deemuun adabatee taa’a.

Kanneen kallattii mootummaan kaa’e deeggaran ammoo hojjettoota mootummaas ta’e  itti gaafatamtoota hojii matta’a malee tajaajila hinkennine saaxiluudhaan shoora irraa eegamu ba’aa akka jiran beekamaadha.Kanneen eeruu kennuudhaan duula malaammaltoota irratti taasifamu deeggaran biyyaafi ummata bal’aa irraa galata guddaa qabu.

Biyya keenya keessatti caasaawwan mootummaa haqaan hawaasa akka tajaajilaniif kenniinsa tajaajilaa akka saffisiisaniif hanga ammaatti carraaqqiin ol’aanaan taasifameera.Garuu rakkoon jiru waggoota hedduuf bu’uura gadi fageeffatee kan ture waan ta’eef sadarkaa barbaadamuun hir’ateera jechuun hindanda’amu.

Oromiyaa dabalatee naannolee gara garaa keessatti rakkoon bulchiinsa gaarii akka maqfamuuf carraaqqiin taasifamaa jira.Kun ammoo tooftaawwan adda addaatiin kan deeggaramedha.Tooftaan too’annoo rakkoo bulchiinsa gaarii kutaawwan magaalaa Baahirdaar keessatti jalqabame babal’achuu utuu danda’ee waan gaarii natti fakkaata.Akka muuxannoo gaariitti fudhachuudhaan hojmaata kana babal’isuun qabsoo malaammaltoota irratti jalqabameef haala mijaawaa uumuu danda’a.


Bulchiinsa magaalaa Baahirdaar kutaa magaalaa Atsee Teewoodiroositti ‘dhaddachi hojii raawwachiisaa muummee’ rakkoolee bulchiinsa gaarii tajaajilamtoota irraa ka’aniif deebii gahaa kennuuf gargaaru jalqabameera.

Dhaddachi kun komiiwwan wayita tajaajilli kennamutti mudataniifi rakkoowwan kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atan dhabamsiisuuf akka gargaaru himameera.

Bulchiinsi Magaalaawwan Naannoo Oromiyaa haala qabatamaa naannawasaanii jiru jiddu galeessa taasifachuun hojmaata dhaddachaa kanatti utuu fayyadamanii komii hawaasaa rakkoo bulchiinsa gaarii wajjin walqabatee itti dhiyaatu dhaabsisuu danda’u.Keessumattuu hojjettoonni mootummaa tooftaawwan adda addaatti fayyadamuun gocha malaammaltummaa raawwachuun hawaasa dararan adabachuu danda’u.

Namni adda babayii irratti salphachuu hinbarbaadu.Dhaddachatti dhiyaachuudhaan komii tajaajilamaa irraa dhiyaateef deebii kennuun waan ulfaataadha.Namni akka namaatti uumama isaatiin maqaansaa akka badu hinbarbaadu.Keessumattuu maqaan namaa hojmaata badaa ta’een adda babayii irratti ka’uun hinbarbaadamu.Kanaaf namni waan akkanaa irraa sirritti of eega.

Hojmaanni dhaddachatti dhiyaachuu kun akka muuxannootti fudhatamee utuu hojiirra oolfamee rakkoon bulchiinsa gaarii kenniinsa tajaajilaa wajjin walqabatee mudatu dhawaataan guutummaatti akka dhaabbatu taasisuun nidanda’ama.Yaadakooti.Isin maal jettu? Yaada qabdan barreessaa.

Post a Comment

0 Comments