Finfinnee Caamsaa 16/2016(YMN) Pirezidaantiin
Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo Ameerikaa daawwachaa jiru.Gitisaanii Ameerikaa Joo
Baayidan simannaa ho'aa akka taasisaniif beekameera.Pireezidaant Ruuttoon
Ameerikaatti daawwannaa guyyoota sadii taasisu jedhameera.
Turtiin kan milkii haata’uuf.Daawwannaan
kun garuu shira Ameerikaan Itiyoophiyaa irratti qabu mul’isa.Akkisaa akkam akka
ta’e kan ilaallu ta’a.Shirri Ameerikaa maal irraa akka maddu xiinxaluunis
barbaachisaadha.
Keeniyaan ollaa teenya,ollaa Itiyoophiyaa
waan taateefis hamaashii hinfeenu.Akka biyyaatti Ameerikaafi Keeniyaan walitti
dhufeenya diippiloomaasii qaban cimsuun waliin hojjechuun waan rakkoo qabu
miti.
Pirezidaantiin Keeniyaa
Wiiliyaam Ruuttoo turtii kaleessa Pirezidaant Joo Baayidan wajjin Waashingtan
Diisiitti taasisaniin dhimmoota waloo adda addaa irratti mari’ataniiru.
Marii taasifameen Ameerikaan
shoroorkeessitummaa ittisuuf Keeniyaa wajjin hojjetti jedhameera.Akkaataa
kanaan sochii yakka shoroorkeessitoonni naannawa gaanfa Afrikaatti taasisan
Keeniyaan deeggartuu Ameerikaa ta’uudhaan shororkeessitoota kan qolattu ta’a.Asirratti
Keeniyaan hanga Itiyoophiyaa humna qabdiiree? jennee gaafanna.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan
shororkeessitoota qolachuudhaan seenaa yoomiyyuu hindagatamne galmeessiftee
jirti.Garee shororkeessaa al-Shabaabiifi shoroorkeessitoota kanneen biroo
qolchuudhaan bu’aan galmeessifte ol’aanaadha.Keessumattuu gareen shororkeessaan
al-Shabaab jedhamu Soomaaliyaa irra darbee biyyaalee naannawa gaanfa Afrikaa
akka hinjeeqaneef carraaqqiin Itiyoophiyaan taasifte daran ol’aanaadha.
Biyyi sadarkaa kanaan
shororkeessitoota qaaneessiteefi akka adabatan taasifte Itiyoophiyaan utuu
jirtuu Keeniyaan meedaallii maaliitiin deeggartuu Ameerikaa akka taatuuf
filatamte jechuun gaafachuun barbaachisaadha.
Turtiin yeroo walitti dhufeenya
diippiloomaasiis kan ilaalamu yoo ta’e walitti dhufeenyi diippiloomaasii
Ameerikaafi Keeniyaa waggaa 60 kan caalu miti.Walitti dhufeenyi diippiloomaasii
Ameerikaafi Itiyoophiyaa ammoo kan Keeniyaan Ameerikaa wajjin qabdu wajjin
walbira qabamee yoo ilaalamu dachaa ta’a.
Maarree Ameerikaan maalif Keeniyaa filatte?Sababa qabdi.Itiyoophiyaan Naannawa gaanfa Afrikaatti biyya adda duree ta’uudhaan akka beekamtuuf Ameerikaanis ta’e biyyaaleen lixaa kanneen biroo akka hinfeene beekamaadha.Fedhii shiraa qaban kana irraa ka’uudhaan sochii Itiyoophiyaa gadi qicu taasisuun dirqama itti ta’a.
Kanaan dura yeroo waraana
kaabaatti qondaaltoota wayyaaneetiif tumsuudhaan Ameerikaafi biyyaaleen lixaa
kanneen biroo waan raawwatan yoomillee dagachuun hinbarbaachisu.Manni marii
tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii haala seenaa keessatti mul’atee
hinbeekneen yeroo hedduuf dhimma Itiyoophiyaa irratti akka mari’atu kan taasise
dhiibbaa isaanii akka ta’e beekna.Gallanni biyyaalee michuu Itiyoophiyaa ta’aniif
haata’u gufuu biyya keenya irratti uumame bira darbuu dandeenyee jirra.
Kutannoon akka biyyaatti
qabnuufi deeggarsi biyyaalee michoota Itiyoophiyaa shira diinaa hunda
injifachuudhaan bira darbuu akka dandeenyuuf shoora guddaa gumaacheera.Haalli
amma warri lixaa irratti argaman xiiqii keessa galuusaanii mul’isa.Maal goonee
Itiyoophiyaa mufachiifnu?akkamitti gadi qabnuun?jedhanii yaadaafi carraaqaa
akka jiran gochuma qabatamaan taasisaa jirantu mul’isa.Isaan waan fedhan haata’an.Nuti
garuu imala guddinaafi badhaadhinaa irraa gonkumaa duubatti deebi’uuf
hinhayyamnu!Sussukni Itiyoophiyaa gara fuulduraa malee gara boodaa miti!Fayyaa
ta’aa!
0 Comments