Harka Hanna Bare Dooluutu Socho’a’




Finfinnee Ebla 23/2016(YMN) Waayyaanneen waayyuu yaaduu hindandeessu sammuusheetu moore.Kanaaf yaaduu dadhabde.Gara waraana marsaa 4ffaatti didichaa akka jirtu kanneen keessa beekan himaa jiru.Waan ta’u arguuf jirra.Yoo adabachuu didde tun kan xumuraa akka taatu erga itti himamee bubbuleera.

Garuu tuffiin mootummaa Federaalaa irratti qaban waan yaadaniifi itti qophaa’an raawwachuu irraa gara duubaatti akka hinjenneef isaan dirqamsiisa.Kun ammoo beekamaadha.Dhiyeenya kana iddoowwan Raayyaa Allaamaaxaa,Ooflaafi Zaataa jedhamanitti hidhattoota isaanii akka galchan himamaa tureera.Sababa kanaan jiraattoonni lakkoofsaan kuma 50 caalan qayeefi iddoo jireenya isaaniirraa buqqa’uuf dirqamaniiru.Lammiiwwan buqqa’uuf dirqaman haala irratti argaman ilaalchisuun hanga ammaatti wanti beekamu hinjiru.Sagaleen buqqaatotaa ‘rakkoorra jirra’ jedhu miidiyaawwan gara garaa irratti dhaga’ameera.Lammiiwwan buqqa’an dhaqqabuun waan jireenya guyyuutiif barbaachisuun harka itti hiixachuun dirqamadha,barbaachisaadha.

Waayyaanneen hattuudha!Itiyoophiyaa hataa turte.Akkuma kanaan dura irra deddeebiidhaan gootae hanna bartetti debi’uuf wixifachaa jirti.Waadaa waliigaltee nagaa Piriitooriyaa irratti galte guutummaatti hojiirra hinoolchine.Fakkeenyaaf meeshaawwan waraanaa akka hinhiikkanne nibeekama.Fakkeessuuf meeshaawwan waraanaa dulloomaniifi tajaajilaan ala ta’an kanaan dura kennitee jirti.

Sun irra diba akka ta’e hundatu beeka.Warri waayyaannee meeshaa maallqaafi qabeenya Itiyoophiyaatiin bitame dhoksuun akka tursiifatte himamaa ture.Shakkiin amma dhugaa ta’eera.’Hark Hanna Bare Dooluutu Socho’a’ akkuma jedhamu waayyaanneen hanna bartetti deebi’uuf wixiffachaa jirti.Gara iddoo walfalmsiisaa ‘Walqaayit’ jedhamus dhaquudhaan gocha weereeraa raawwachuuf akka qophoofte odeeffamaa jira.

Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad marii baatiiwwaniin dura bakka bu’oota jiraattoota Naannoo Tigraay wajjin magaalaa Finfinneetti taasisaniin ‘Naannoo Tigraay keessa taa’uudhaan kanneen waraanaaf qophaa’an jiru,adabadhaa jedhaanii’ jechuun dhaamaniiru.Dhaamsi muummichaa kun akka barametti nituffatama waan ta’eef fudhatama akka hinarganne nibeekama.Egaa kan tuffatantu nama tuffata.Waayyaanneen erga diddee waa ta’uuf jirti.Foolattee jirti.’Erga hinoollee itti roobsii’n dhufuuf jira.

Humnoonni itti michoomanis walumaan daaraa ta’uuf jiru.Shaabiyaa,Jaawwisaa,shaneefi Gibtsi warra waayyaanneetti michoomanis waayyaannee du’a irraa oolchuu hindanda’an.Kan lolu Raayyaa Ittis Itiyoophiyaa qofaa miti,Ummata Itiyoophiyaa hundatu itti duula.Haqa kana haabaran!



Post a Comment

0 Comments