Finfinnee Caamsaa 18/2017(YMN) Lammiiwwan Itiyoophiyaa Saa'ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1fi 183 gara biyyaatti deebi'aniiru.
Hanga Caamsaa 17 bara 2016 qofatti lammiiwwan kumni 29 gara biyya isaanii Itiyoophiyaatti akka deebi’uu danda’an odeeffannoon Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa irraa argame mul’iseera.Kuma 40’tti kan dhiyaatantu hafa.Kanneenis dhawaataan gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif hojjetamaa jira.Odeeffannoon ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa kanaan dura kenne akka mul’isetti walumaagalatti lammiiwwan kuma 70 Sa’udii Arabiyaa irraa deebisuuf itti fufiinsaan hojjetamaa jira.
Lammiiwwan sababoota adda addaatiin biyyaa ba’anii dararaman carraa gara biyyaatti deebi’uu kan argatan mootummaa lammiisaatiif quuqamu waan qabaniif akka ta’e kan haalu jiraa laata?
Dhugaa kana kanneen haalaniifi waakkatan humnoota dhimma lammiiwwanii siyaasessuun bu’aa siyaasaa hammaarrachuuf socho’an qofadha.Lammiiwwan gara biyyaatti deebi’uuf haala mijaawaa argataniifi maatiin isaanii dhiphina keessa turan mootummaadhaaf galata guddaa qabu.
‘Biyya ormaa dhaquun nama hindhibu,galuutu nama dhiba’jedhama.Lammiiwwan gara biyya ormaatti godaanan carraaqqii mootummaan jijjiiramaa taasisaa jiruun carraa gara biyyaatti deebi’uu argatan.Carraan kun waan akka salphaatti argamuu danda’u miti.Lammiiwwan Itiyoophiyaa karaa seeraan alaatiin gara Sa’udii Arabiyaatti godaanuudhaan rakkoodhaan dararaman carraa yoomillee argamuu hindandeenye kanatti fayyadamuutu irraa eegama.
Haala qabatamaa amma biyya keessa jiruun biyya keessatti hojjechuudhaan rakkoo diinagdee keessaa ba’uun nidanda’ama.Kana ammoo qabatamaan mirkaneessuun danda’ameera.Lammiiwwan biyyaalee alaa irraa gara biyyaatti deebi’an haala mijaawaa caasaawwan mootummaa mijeessanitti fayyadamuun waldaadhaan gurmaa’uun carraa hojii argataniiru.Kanneen dhunfaadhaan socho’uudhaan jireenya isaanii fooyyessan hedduun akka jiranis nibeekama.
Haalli mijaawaan rakkoo keessaa ba’uun ittiin danda’amu utuu jiruu lammata godaanuudhaan rakkoolee gara garaatiif of saaxiluun dhaabbachuu qaba.Godaansi seeraan alaa lubbuu kumaatamootaa galaafateera.Namoonni hedduun sochii godaansa seeraan alaatti waan hirmaataniif lubbuun isaanii marartuun baddee hafte.Lammata miidhamuu irraa of baraaruun dirqama lammiiwwan hundaati.Fayyaa ta’aa!
0 Comments