Finfinnee
Caamsaa 26/2016(YMN) Michuun waliif Irkoodha! Itiyoophiyaafi Kooriyaan Kibbaa
waliif michuudha.Michummaan biyyaalee lamaanii waggoota hedduu kan
lakkoofsisedha.Dhiigni loltoota Itoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti dhangala’eera.lafeen
gootota keenyaa achitti caccabeera.
Waggootaan
dura loltoonni Itiyoophiyaa gara Kooriyaa Kibbaa dhaquudhaan diina irraa
ittisuuf carraaqqii ol’aanaa taasisaniiru.Carraaqqii gootoonni Itiyoophiyaa
loltoota biyyattii wajjin qindaa’uudhaan taasisaniin bu’aan birmadummaa biyyaa
kabajisiisuu galmeeffameera.
Oolmaa
Itiyoophiyaan Kooriyaa Kibbaatiif waggootaan dura oolteef jecha Kooriyaan
Kibbaa maatii loltoota Kooriyaa Kibbaa tumsaniif deeggarsa taasisaa jirti.As
Magaalaa Finfinnee keessa iddoon jireenyaa ‘Ganda Kooriyaa’jedhamu
jira.Naannawa kana keessa maatii loltoota kanaan dura gara Kooriyaa Kibbaatti
duulantu jiraata.
Mootummaan
Kooriyaa Kibbaa maatii duultotaatiif deeggasa taasisaa akka jiru nibeekama.Ijoolleen
loltoota duraanii deeggarsa diinagdeefi carraa barnootaa argachuun fayyadamaa
jiru.Walitti dhufeenyi seenaa-qabeessi Itiyoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa kun kunoo
ammas daran cimee akka itti fufe haala tibbana mul’ate irraa hubanna.
Tibbana
gareen ergamaan Mootummaa Itiyoophiyaa muummicha ministiraa Itiyoophiyaa
Dr.Abiy Ahmadiin hoogganame yaa’ii Kooriyaa Kibbaa- Afrikaa irratti hirmaachuuf
gara Magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa See’uul dhaqe.Simanniin muummicha
ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi Giiftii duree Zinnaash Taayyaachootiif taasifame
ho’aadha.
Turtii
Kooriyaa Kibbaatti taasifameen bu’aan Itiyoophiyaan galmeessifte
guddaadha.Walgalteewwan waldeeggarsaa hedduun mallatteeffamaniiru.Kanneen
keessaa waliilgateen deeggarsaa
taasifame adda durummaadhaan kan eeramuu danda’udha.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shiidee akka mirkaneessanitti Itiyoophiyaafi
Kooriyaan kibbaa walii galtee tumsa misoomaaf oolu doolaara Biiliyoona tokkoo waliif mallatteessaniiru.Maallaqni kun
waggoota arfan dhufanitti hojiirra kan ooludha.Kana jechuun Itiyoophiyaan
waggaa waggaadhaan deeggarsa misoomaa Doolaara miliyoona 200fi miliyoona 50
Mootummaa Kooriyaa Kibbaa irraa argatti jechuudha.Nuti aaga dhageenye.Oduun
gammachiisaan kun diinoota Itiyoophiyaa hunda kan mataa bowwaafachiisuufi kan
huuruu isaanii dhiibsisu akka ta’e nuti sirritti beekna.Fayyaa ta’aa!.
0 Comments