Finfinnee
Waxabajjii 22/2016(YMN) Magaalaan Finfinnee jijjiirama qabatamaa mul’isaa
jirti.Daandiiwwan dhiphatanii turan amma bali’ifamaa jiru.Gandoonni quucaranii
waggoota hedduu lakkoofsisan amma nadaawwadhaa jechaa jiru.
Haala kana kan
uume hojii misooma koriidarii Finfinnee keessatti hojjetamaa jirudha.Torban
lamaan dura hojiin misooma kooriidarii Birbirsa Gooroo irraa hanga Araat
Kiilootti halkaniifi guyyaa hojjetamaa ture xumuramuudhaan tajaajilaaf banaa ta’eera.
Tibbana ammoo
hojiin misooma koriidarii adda babayii Meeksiikoo irraa hanga
Saarbeetitti(moggaasa maqaa Oromoo naannawaa kanneenii yaadachuun dadhabe)
hojjetamaa ture xumuramuudhaan tajaajila hawaasaasaatiif banaa ta’eera.Misoomani
koriidarii naannawa Magganaanyaafi kanneen biroottis eegalamuun hojjetamaa jiru
finiinuudhaan itti fufeera.
Sababa kanaan
ijjii diinaa diimateera.Misoomaafi guddina Finfinneetiin eenyufa’i gadda keessa
akka jiran beekamaadha.Humnoonni jijjiirama morman hunduu bu’aa qabatamaa mul’achaa
jiru kanaan mira gammachuu qabaachuu hindanda’an.Gaddatu itti dhaga’ama.Humnoonni
nutu isiniif beeka jechuun Oromoo qorqaa turan jijjiirama hooggansa Oromootiin amma
dhufe jajuu hindanda’an.Inumaatuu yoo haala mijaawaa argatan hojiiwwan misoomaa
Magaalaa Finfinnee keessatti mul’atan barbadeessuuf onnatu.
Kantiibaan
Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee dhugaa kana irraa ga’uudhaan hawaasni
pirojaktootaa misoomaa ijaarsisaanii xumuramee tajaajilaaf ga’an eeggachuufi kunuunfachuun
akka itti fayyadamuuf irra deddeebiidhaan ergaa dabarsan.Muummichi ministiraa
Dr.Abiy Ahmadis haaluma walfakkaatuun ergaa kana hawaasaaf dabarsaniiru.
Diinni Oromoon
biyya hoogganuu hindanda’u jechuun ololaa ture,hooggansi Oromoo biyya hoogganuu
bira darbuun misooma biyyaatiif carraaqqii taasisaa jiruun bu’aa guyyuutti
galmeessisu ija gaariidhaan ilaaluuf seexaa hinqabu.Jibba hammaataa qabutu
kanaaf isa saaxile.Maal goonaree?Haaboba’an,callifnee ilaallaan.Bu’aa
galmeeffamaa jiru kan diiguuf wixiffatu dura dhaabbachuun keenya ammoo waan
hinoolledha.
Hojiin misooma
kooriidarii muuxannoo Magaalaa Finfinnee qooddachuudhaan Magaalota Naannoo
Oromiyaa dabalatee Magaaloota Nananolee kanneen biro keessattis jalqabamaa
jira. Kun ammoo dhawaatan guutuu Itiyoophiyaatti kan babal’achaa deemu ta’a.Oromiyaa
keessaa Magaalaan Jimmaa,Shaashamannee,Bishooftuufi kanneen biroos jalqabbii
gaariirra jiru.
Magaalaawwan
Naannoo Amaaraa keessaa ammoo Baahirdaariifi Kombolchaan jalqabbii
abdachiisaarra akka jiran hubatameera.Sosochiin kun dhawaataan waggoota muraasa
keessatti Magaaloota Itiyoophiyaa hunda bira kan ga’u ta’a.Diinni keessaafi
alaa kana arguus abdii kutachaa deema.Hojii qabatamaa Badhaadhinaatu diina
hunda abdii kutachiisa.Homaa gochuu
hindanda’an abdii haakutatan!
0 Comments