Finfinnee
Adoolessa 23/2016(YMN)‘Waliigalteen Nagaa Piriitooriyaa erga mallatteeffamee
waggaa 1fi baatiin 8 lakkaa’ameera,dhugaa dubbachuuf akka waliigalteen nagaa
Piriitooriyaa ajajutti Nagaa Maqaleefi guutuu Tigraay kan eegu mootummaa
Federaalaati’ Ob.Getaachoo Raddaa
Aktivistoonni
Tigraay, Waayyaanneen biyya alaa jiraachisuun soortuun, kan akka Staaliin
Gabrasillaasee,Maariyaamaawiit,Eermiyaas Laggasaafi kanneen biroo yoo onnee
qabaatan ibsa bal’aa obbo Getaachoo Raddaa Afaan Tigreetiin kaleessa kenne
afaan hundi danda’u gara Afaan Amaaraatti hiikuu qabu,garuu isaan kana hin
godhan.
"Waliigaltee
Nagaa Piritooriyaa mallatteessuu kootiin gantuufi baandaan jedhame" jedheera
Geetaachoo Reedaa.
Getaachoon waanan
ukkaamameefan gara miidiyaatti bahe jedheera.Karaa miidiyaa Waayyaannee Dimtsii
wayyaanee(Sagalee Wayyaanee)jedhamuun hafuura baafachuu danda'uun isaa ammoo nama
ajaa'ibsiisa.Tarii wanti kun shira qabdii laata? nama jechisiisas.
Getaachoon Dimtsii
wayyaanee waliin sa'aatii lamaa ol tureera.Waan inni jedhe guutummaatti beekuufi
dhiyeessuun rakkisaa ta’us hangan hubadhen isinitti hima dubbisa gaarii.
‘Waliigaltee Nagaa
Piriitooriyaa kan mallattessinee dhufne ummanni Tigraay miidhama irraa akka
baraaramuufi.Badii mudate hundaaf ga’een hooggansa siyaasaa
guddaadha.Waliigatee taasifameen rakkoon hundumtuu furmaata argata jechuun
hindanda’amu.
Lammiiwwan
buqqa’an gara qayee isaaniitti deebisuuf waliigaltee nagaa mallatteeffameen
haalli mijaawaan uumameera.
Ani pirezidaantii
yeroo ca’uumsaa ta’ee ergan hojii eegalee asitti waanan danda’u gochuuf
yaaleera.Rakkoon tasgabbii dhabuu hawaasaa fala akka argatuuf carraaqqiin
taasifameera.Buqqaatoonni iddoo jireenya isaaniitti akka deebi’aniif mootummaan ce’uumsaa carraaqeera.Hooggansi
siyaasaa dhimma kana irratti wanti hojjete hinjiru.
Lammiiwwan gara
Suudaanitti baqatanis jiru.Akka deebi’aniif hojjetamuu qaba.Torban itti aanu
irraa eegalee buqaatoonni guutummaatti akka deebi’aniif hojjenna.
Waliigaltee nagaa
piriitooriyaa gama hojiirra oolchuutiin hanqinni jira.Kanaaf quba walitti
qabuun hinbarbaachisu.Sochiin hawaasa deebisuuf eegalame itti fufuu qaba.Mootummaan
Federaalaas deegagrsa gahaa taasisaa jira.Kanneen kana gufachiisuuf socho’an
gocha isaaniirraa of qusachuu qabu.
Waliigalteen Nagaa
Piriitooriyaa erga mallatteeffamee waggaan tokkoofi baatiin saddeet
lakkaa’ameera.Waliigalteen kun kan mallatteeffame mootummaan Federaalaa Maqalee
too’achuuf wayita dhiyaatetti.Duubatti deebi’uun waan hintaane keessa seenuu
irra, waliigaltee taasifame hojiirra
oolchuutu filatama.
Kan waliigaltee
mallatteessinee dhufneen mootummaa
diigdanii dhufatan jedhame.Mootummaa miti,utuu waliigalteen nagaa Poriitooriyaa
mallaatteeffamuu baatee waan baay’eetu bada ture.
Nuti birmadummaan
Tigraay akka kabajamuuf hojjechaa jirra,hundumaafuu murteessaan Ummata Tigraay
waan ta’eef murtee inni kennu
fudhachuutu barbaachisa.
Amma pirezidaantii
ummataan filatamee miti kan jiru.Dura irratti Dr.Dabratsiyoon pirezidaantii
Yeroo ca’uumsaa akka ta’uuf yaadamee ture.Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad
waan didaniif hafe.Namoota torba eeraman keessaa akka tasaa anatu filatame.Dhuma
irratti filatamuukoo fudhataniiru.Dr.Dabratsiyoon miseensa kaabinee yeroo ce’uumsaa
ta’ee itti fufe.Bitootessa 20 irraa eegalee bulchiinsa mootummaa ce’uumsaatu
jira.Bulchiinsichi Jalqabuma rakkoodhaan xaxame.
Dura irratti buqqaatoota
deebisuuf xiyyeeffannoon kenname.Tajaajila hawasaummaa kennuun xiyyeeffannoo
itti aanu ture.Dhimma nagaafi tasgabbii Tigraay amansiisaa taasisuufi waa’ee
filannoo itti aanuu irratti hojjechuunis dhimma ijoo ture.
Ani gama kootiin
carraaqeera.Garuu yeroon walgayiidhaan bade.Namoonni gaariin Dargaggoonni
ga’uumsa qabaniifi miseensa kaabinee ta’an hojjechuuf yaalii taasisaniiru.
Bulchiinsa yeroo ca’uumsaa keessatti TPLF sagalee caalmaa qaba.Hanga humni hayyametti hojjenneerra.Duula banamuun abalu badhaadeera jedhama.Gara Yihudaatti jijjiirame jedhama.Wanti hundi yoo ilaalamu falmii taayitaatu jira.Itti aanaan pirezidaantii lakkoofsaan baay’eedha.Kan mindaa qofa fudhatutu jira.Anis guutummaatti hin hojjenne.
Buqqaatoota
beela’an,dheebotaniifi qaamni isaanii irratti gogeef kan yaadu hinjiru.Hojiin
kana jedhamee himamuufi hojjetame hinjiru.Walfalmiin jiru teessoo taayitaa
argachuu qofa irratti kan xiyyeeffatedha.Yeroo walgayiin gaggeeffamu hundatti
dhimma waliigaltee Piriitooriyaa haaqorannu jedhama.
Rakkoo tasgabiitti
fala waaraa argamsiisuun kan dadhabame rakkoon siyaasaa bu’ura gadi fageeffate
waan jiruufi.Haala hojmaata miidiyaa haajijjiirru jennee waliigallus koreen
miidiyaa hinjiru.Akka Faanaafi waaltaatti hinhojjennu jedhamee
balaaleeffatama.Dhimma ummata Tigraay irratti yaahojjetamu jedhamus fudhatama
hinargatu.
Namoonni hojjetan
gantootaafi baandaa jedhamuun qeeqamu.Eenyu haaturu,eenyu ammoo taayitaa irraa
haabu’u jedhamee falmamaa oola.
Hundumaafuu
mootummaan yeroo ce’uumsaa waan danda’u hojjechuuf yaaleera.manni marii
yaahundeeffamu,fooyeessa haatasifnu jedhamee yoo himamu TPLF diiguufi?dhaabbata
keenya diiguufi?jedhamee falmama.Guutummaatti hooggansa irratti nuuf
hinmilkoofne.
Haala qabatamaa
amma jiruun rakkoon weereera lafaa jira.Sochiiin shiftaa jira,Daldala oomisha
Sibiilaafi warqeetu jira.Kana irrati walitti dhukaasuunuu mudateera.Hojimaata
badaa jiru sirreessuuf carraaqqiin jira.Sosochii hawaasaatiin nagaafi tasgabbii
naannawaa amansiisaa taasisuun barbaachisaadha.Ummata hirmaachifnaan wanti
ulfaatu hinjiru.Namni sibiila birrii miliyoona 8’tti gurgure mana murteetti
dhiyeeffamus wabiidhaan gadilakkifama.Kun sirrii miti.Lafa kan weereeree qabatu
poolisiidha jedhama.Namoota ukkamsuun maallaqa gaafachuun jira.Gufuuwwan kun
akka dhaabbataniif tarkaanfii fudhanna’ jedheera Getaachaw Raddaa turtii
Dhimsii waayyaannee waliin taasiseen.Humnasaa isa kamiin kana godha laata?gaaffiin
jedhu akkuma jirutti ta’ee haalli jiru yoo xiinxalamu namtichi dhiphina guddaa
keessa jira.Waan dubbiftaniif galatoomaa fayyaa ta’aa!
0 Comments