Finfinnee Hagayya 15/2016(YMN) Bulchiinsi magaalaa Finfinnee haadha Hevan ‘Abaqiyelash’ daa'imni ishee haala suukaneessaan gudeedamtee jalaa ajjeefamteef mana jireenyaa kenneera.
Kantiibaa Adaanach Abeebeefi hoggantoonni ol’aanaan bulchiinsichaa har'a haadha daa’ima lubbuun dabartee jajjabeessaniiru.
Kantiibaa Adaanach obboleettii keenya saaxilamummaa balaa irraa baraaruufi dhimma haqaa daa’imashii akka hordoftuuf Magaalaa Finfinneetti mana jireenyaa akka argattuufi ogummaa ishiitiin hojjettee akka jiratatuuf haalli mijaa’eera jedhaniiru.
Hevan Awat daa’imni umuriin waggaa torbaa waggaa tokkoon dura Magaalaa Baahirdaaritti gudeedamtee akka duute tibbana himamaa akka ture nibeekama.
Namticha gocha yakkaa suukaneessaa kana raawwate irratti adabbiin hidhaa waggaa 25 itti murteeffame gahaa miti sababa jedhuun tibbana dhimmichi keessumattuu miidiyaawwan hawaasummaa irratti walfalmsiisaa ta’uun akka ture niyaadatama.
Biiroon haqaa Naannoo Amaaraa odeeffannoo kaleessa kenneen adabbichi kan murteeffame seera yakkaa jiru irratti bu’uuraawuudhaan waan ta’eef dogongorri mudate hinjiru jedheera.
Qaamoleen hawaasaa gara garaa dhimma gudeedamuufi daa’ima lubbuun dabartee ilaalchisuun yaadi kennaa turan akka mul’isetti dhimmicha dhimma siyaasaa taasisuuf carraaqqiin taasifameera.
0 Comments