Bulchiinsa Gandaa Furtuu Rakkoolee Sabaa!



Finfinnee Qaammee 01/2016(YMN) Ummanni Oromoo qabsoon mirgaafi fayyadamtummaasaa  kabajisiisuuf baroota hedduuf taasise hatattamaan utuu hintaane dhawaataan lafa qabachaa har'a irra ga'e.Qabsoon fayyadamtummaa mirkaneessuuf taasifamu daran cimuudhaan itti fufa.Akkuma 'qabsaa'aan kufus qabsoon itti fufa' jedhamu qabsoon dameewwan hedduun fayyadamtummaa sabaa amansiisaa taasisuuf qabsaa'amu gara fuulduraattis finiinuudhaan kan itti fufu ta'a.

Dur ormatu saba miidha.Waggoota dhiyoodhaa asitti  ammoo ijoolluma saba keessaa ba'etu saba miidha.Haqa kana hundatu beeka.Ijoolleen sabuma keessaa ba’uun carraadhaan iddoo hooggansaarra teessee saba ofii kaaniin qixxee fayyaduu mannaa of fayyaduu duursitu maaliif?akkamittiifi yoom irraa eegalee uumamte?

Dhimma kana sirritti xiinxaluun barbaachisaadha.Ijoolleen Oromoo bara sirna waayyaannee keessa dhalattee guddatte wanta ilaalaa guddattetu jira.Gocha hattummaa warri sirnaa yaaddoo tokko malee raawwatan argaa guddatan.Sirni barnootaa sirna darbees kan waan kana sirreessuu danda'u hinturre.Sababa kanaan gochaa dabaa argaa guddachuudhaan yeroo carraa bulchiinsaafi hooggansaa argatanitti saba bal'aa irratti gocha badii dur irraa eegalee ormi raawwachaa ture isaanis yaaddoofi mamii tokko malee saba irratti raawwachuuf onnatan.

Amma balballi akka barbaadanitti saba dararuu cufamaa jira.Hooggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru fayyadamtummaa saba bal'aatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan akka hojjetaniif haalli mijaawaan uumameera.Caaseeffamni bulchiinsa gandaa xiyyeeffannoo hinqusatamne argateera.

Amma ijji hundaa bulchiinsa gandaarra jira.Saba keessa oolanii buluun dirqama ta'eera.Gandawwan baadiyaafi magaalaa xiyyeeffannoo argataniiru.Hojmaanni badaan babal'atee tures dhawaataan suntuuraa deema.Kanneen jijjiirama bulchiinsa gandaa balaaleeffachaa jiranis suutumaan adabatu.Faayiidaatu jalaa tuqame waan ta'eef dhugaa qabu,kanaaf wixiffachaa jiru.Garuu eessayyuu gahuu akka hindandeenye hubacuudhaan adabachuu qabu.

Kanneen sababa caaseffama haarawaa bulchiinsa gandaatiin mufatanii huuruu dhiiban maal balleessinee? jechuun of haaqoratan.Tajaajilamaan ammaan booda ‘lukaan dhufuu dhiisi harkaan kottu’ hinjedhamu.Hooggansi haarawaan gandoolee Oromiyaatti ramadame ummata bal'aa wajjin qindaa'uudhaan hojmaata badaa muraasoonni qofaan ittiin fayyadaman dura kan dhaabbatu ta'a!

Rakkoon tasgabbii dhabuu sababa shira a adda addaatiin hawaasni ittiin dararamaa tures fala waaraa aragachuunsaa waan hinoolledha.Ummanni waan huda dhabee rakkachaa ture yeroon mootummaa maddii hiriiruudhaa diinootasaa isa qorqaa turan ofirraa ittiin adabachiisu ammadha

Yeroo kennitanii waan dubbiftaniif galatoomaa!Yoo yaada qabaattan brehuri1@gmail.com irratti erguu dandeessu

Post a Comment

0 Comments