(YMN,Finfinnee
Sadaasa 05/2017) Filannoon pirezidaantummaa Soomaaleelaand kaleessa
adeemsifamaa oole kan marsaa afraffaati.Waggoota shan turuudhaan yeroo afur
adeemsifameera jechuudha.
Filannoon ammaa
sababoota adda addaatiin yeroonsaa darbuudhaan waggaa lama erga turee booda
adeemsifame.Akkaataa kanaan Pirezidaantiin Amma Soomaaleelaand bulchaa jiran
Muusee Bihii waggoooota torbaaf pirezidaantummaadhaan turaniiru.Waggoota shan
irratti waggoonni lama yoo dabalaman waggaa torba ta’aamiiree?
Filannoo
pirezidaantummaa kaleessaa kana irratti paartiiwwan morkattoota dabalatee nama
saditu pirezidaantii biyyattii ta’uuf morkate.Pirezidaant Muusee Bihiinis
morkataniiru,itti fufuudhaan Soomaaleelaand bulchuu barbaadan.
Gabaasi Rooyitars
akka mul’isetti filannoon kaleessaa karaa nagaatiin xumurame.Lammiiwwan
Soomaaleelaand lakkoofsaan miliyoona tokko ta’an sagalee kennaniiru.Bu’aan
yeroo har’a ifoomsama jedhamee eegamaa jira.
Sadeen keessaa eenyullee moo’atu waliigalteen dhimma balbala galaanaa irratti Mootummaa Itiyoophiyaa wajjin waggaa har’a mallatteeffame gonkummaa akka hingufanne himamaa jira.
Kan filannoo
pirezidaantummaa ammaa kanaan moo’ate akkuma mootummaa hundeesseen waliigaltee
Itiyoophiyaa wajjin taasifame hojiirra kan oolchu akka ta’e
eerameera.Waliigalteen Itiyoophiyaan balbala galaanaa argachuuf Soomaaleelaand
wajjin mallatteessite faayidaa waloo mirkaneessuu irratti kan
bu’uuraayedha.Kanaaf hojiirra ooluunsaa waan hinoolle akka ta’e mirkanaa’aa
jira.
Diinni
lolus,sababa waliigaltee kanaatiin huuruu dhiibuus,ergamtoota qopheeffatee
Nagaa Itiyoophiyaa booressuuf itti fufiinsaan carraaqus wixiffannaan Itiyoophiyaa gufachiisf taasise gonkumaa
hinmilkoofneef.Itiyoophiyaan keenyaa moo’attee jirti kan jennu sababoota
qabatamaa ta’aaniin akka ta’e qalbeeffachuun dansaa!
0 Comments