Paartii Rakkoo Keessatti Dhalatee Fuulduratti Sussukaa jiru,Badhaadhina!



(YMN,Finfinnee Sadaasa 11/2017) Rakkoo keessatti dhalachuun guddachaa jira.Hunda-galeessadha,hunda hirmaachisuudhaan beekama.Sababa uumuudhaan kan irraa qoollifatu hinjiru.Hojmaataafi seerasaa kabajinaan balballisaa hundumaaf banamaadha.

Paartiin Badhaadhinaa hundeeffamsaa waggaa 5ffaa qophiiwwan gara garaatiin kabajaa jira.Sirna kabaja hundeeffamma waggaa 5ffaa irrati miseensoonni paartichaa miliyoona 15 caalan hirmaachaa jiru.Deeggartoonni yoo itti dabalaman ammoo Badhaadhnni hammam akka ga’u hubachuun rakkisaa hinta’u.Sirni kabaja hundeeffamaa waggaa 5ffaa iddoowwan baay’eetti marii paanaaliifi naannawa ofii qulqulleessuudhaan raawwatamaa jira.Waanuma ta’uu qabutu ta’aa jira.

Mariiwwan paanaalii adeemsifamaa jiraniin hundeeffama irraa eegalee bu’ii ba’ii keessa darbameefi kallattii gara fuulduraatu ilaalama.Abdii bal’aa fuulduroof jirutu balballoomfama.

Badhaadhinni umurii xiqqaa qabaatuus hojiin hanga ammaatti hojjete kan umuriisaa wajjin walgitu miti.Hojii hojjechaa tureefi bu’aawwan qabatamaa galmeessisetu caala.Hojiiwwan Badhaadhinaan hojjetaman kan dirqama himamuuf qofa utuu hintaane ofumaaf sagalee olqabatanii kan dubbatanidha.

Badhaadhinni biyya badiinsa irraa baraaruudhaan hojiiwwan biyya ceesisan hojjeteera.Wanti hojjete hunduu bu’aawwan cululuqaa ta’aniin kan dabaalamedha.Jalqabarra goomattoonni  himannaa baay’ee itti dhiyeessan.’Maqaa malee kallattii hinqabu,meerre imaammanni? Road map hinqau’ jechuudhaan gadi qicaafi gaafachaa turan

Badhaadhinni falmiiwwan gamaa-gamanaa itti aggaamaman hundaaf utuu hinjilbiinfatin kallattii qabatamaa akka qabu mul’isuun sussukasaa gara fuulduraatti taasisu finiinsee itti fufe.’Daandiin keenya Ida’amuu,iddoon ga’uumsaa ammoo Badhaadhina’jedhee itti hime.Deebii quubsaa kenneenis goomattoonnisaa afaan qabachuuf dirqaman.Akka Badhaadhinaa yaada hinqaban waan ta’aniif yaadaan falmuu dadhaban.

Sababa kanaan qindoomina uummachuudhaan shiroota adda addaa shiruun Badhaadhina gufachiisuuf karaatti hanbisuuf wixiffatan.Waan danda’an hundaan socho’an.Yaada hinqaban waan ta’eef yaadaan Badhaadhina falmuu hindanda’an.Kanaaf filmaata dur barametti qajeelan.Badhaadhina humnaan fashaleessina jedhanii karoorfatan.Kan karoorfatan hojiirra oolchuuf socho’an.Yaalii ol’aanaas taasisan.Wanti yaalan hunduu jalaa fashalaa’ee hafe.Michootasaanii ala jiran wajjin qindaa’uudhaan Badhaadhina irratti waraana banan.

Duulli gama hundumaan banan adeemsa obsaafi gamnummaa hooggansa Badhaadhinaatiin jalaa fashalaa’ee hafe.”Malaan Bishaan Waaddu’ Badhaadhinni diina ofirraa qolachaa misoomas itti fufsiisaa waan socho’eef Iddoon har’a diinni jiruufi Badhaadhinni jiru gara garaummaa bal’aa kan qabu ta’uusaa hundatu hubachuu danda’a.

Ammaan booda Badhaadhina duubatti deebisuun hindanda’amu.Waan ittiin boonu hedduu hojjeteera.Biyya ceesisuuf dhaabbilee biyya utubuudhaan tursiisan ijaareera.Adeemsa ammaan boodaatiin Itiyoophiyaa utubuun diinootas irraa qolachuun kan itti fufsiisuu danda’u dhaabbilee Badhaadhinni ijaaruun akka ciman taasisaa jirudha.

Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa akka paatiin itti fufuuf utuu hintaane akka Itiyoophiyaan itti fufuu dandeessutti ijaarame.Haala qabatamaan jirutu ragaadha.Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa utuu ijaaramuu baatee diinni gamaa-gamanaa hamoommatu Itiyoophiyaan akka diigamtuuf haala mijaawaa argata ture.Kun waan hintaaneef mataa gadi qabachuuf dirqame.Dhaabbileen kanneen biroo biyya itti fufsiisuuf ijaaraman kan akka Boordii Filannoo Itiyoophiyaafi komishiinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaafi kanneen biroos hooggansa Badhaadhinaatiin ijaaramuun akka daran ciman taasifamaa jira.

Badhaadhinni keenya waan kana hunda hojjetee milkaa’us ammalee gufuuwwan hedduutu jira.Fakkeessitootaafi hattoota riphanii caasaa keessa seena malaan qulqulleessuun barbaachisaadha.Kanneen caasaa paartichaa keessa riphanii kenniinsa tajaajilaa irratti ummanni mootummaa akka komatu taasisaan raga qabatamaadhaan caasaadhaan ala taasisuun seeraanis akka itti gaafatamaniif haala mijeessuun barbaachisaadha.

Hojii kanas hooggansaafi miseensoota akkasumas deeggartoota paartii Badhaadhinaatu qindaa’uudhaan hojjechuu danda’a.Baga hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa geessan!Fuulduroon keenya abdachiisaadha!Waan dubbiftaniif galatoomaa! Fayyaa ta’aa!Yaada yoo qabaattan brehuri1@gmail.com irratti ergadhaa.

Post a Comment

0 Comments