Warshichi omishasaa gabaaf dhiyeessuuu akka jalqabe himeera

 



(YMN Finfinnee Onkololeessa 22/2017) Warashaan Simintoo Biyyaalessaa Lammii oomisha isaa gabaaf dhiyeessuu akka eegale beeksiseera

Warshaan Simintoo Biyyaalessaa Lmmiii dhiyeenya hojii omisha Simintoo eegale guyyaa kaleessaa irraa eegalee oomisha isaa gabaaf dhiyeessaa akka jiru beeksiseera.

Warshaan kun oomishasaa dafee gabaaf dhiyeessuun gabaa simintoo sadarkaa guutuu biyyaatti tasgabbeessuuf hojii omishaa saffisaan akka eegaleefi akka biyyaatti itti gaafatamummaa guddaa itti kenname akka ba’u taasifamuunsaa ibsameera.

Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad baatii tokkoon dura warshaa kana wayita eebbissanitti haasawa dhageessisaniin Warashaan Simintoo Biyyaalessaa Lammii abdii biyyaa akka ta'e himuudhaan fedhii omisha Simintoo guutuuf shoora ol'aanaa kan gumaachu akka ta'e himanii turan.

Warashaan Simintoo Biyyaalessaa Lammii kan ijaarame Naannoo Amaaraa keessatti akka ta'e nibeekama.Warshichi Finfinnee irraa gara Kaabaatti kiloo meetira 130 irratti argama.Fedhii omisha Simintoo biyya keessaa dhibbentaan 50 guutuu kan danda'u yoo ta'u  waggaatti Simintoo toonii miliyoona 4.5 omishuuf humna gahaa akka qabu himameera.



Post a Comment

0 Comments