(YMN Finfinnee,Muddee 17/2017) Jawaar Mohaamamd kitaaba biyya Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii keessatti barreesseefi mata dureesaa 'Hingaabbu'jedhee moggaasse biyya Jarmanitti akka eebisiise beekameera.
Sirni eebbaa maal akka fakkaatu OMN irratti argeera.Lakkoofsi ummata sirna eebbaa irratti argame muraasadha.Ummanni biyya Jarmaan Magaalaa Nuuranbargitti argamu lakkoofsisaa meeqa?Hundatu irratti hirmaatee? jechuun gaafachuun barbaachisaadha.
Ummata Oromoo miliyoona 50 caalu keessaa baqatee biyya halagaatti kitaabasaa dhokatee barreesse kan eebbisisie Jawaar Mohaammad taatee kanaan niggammadamoo nigadda laata?Mira isatti dhaga'ame isumatu beeka.
Akka nama yaada sirriifi medaalawaa qabuutti garuu kun du'a Jawaar Mohaammad kan mul'isudha.Salphinni kana caalu eessaa dhufaa?
Namoonni sirna eebbaa irratti argaman tokko tokko nama kofalchiisu 'Abbaan Qeerroo Jawaar Mohaammad'jedhan.Maalif sobdanii walsossobduu?Abbaan Qeerroo Saba Oromooti,hinsobinaa!
0 Comments