Maraataan Fira Hinqabne Akka Dhabuu Eegaleera

 



(YMN Finfinnee,Muddee 13/2017) Jawaar Mahaammad akka dhabdummaasaa mul’isaa jira.Tibbana kitaabaa ‘Hingaabbu’jedhu eebbisiisuuf akka jiru erga ifoomsee asitti wanti inni ta’aa jiru taajjabbiidhaaf isa saaxileera.

Keessumattuu jechi arrabsoo muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad irratti BBC dabalatee miidiyaawwan adda addaa fayyadamuun roobsaa jiru jibba suukaneessaa keessa akka jiru sirritti mul’iseera.

Dubbiin ammaa akka durii miti.Wixifannaa akkanaatiin hooggansa jijjiiramaa moo’achuun akka hindanda’ame beekamaadha.Jawaar mataansaatuu kana waan hubateef dhiibamee gochoota gadaantummaa raawwachaa jira.

Waggootaan dura sababa dogomgorawwan gara garaa Jawaar raawwateen Ummanni Oromoo miidhameera,drarameera,dhalasaa du’aan dhabuurraa eegalee qabeenyi hedduun jalaa barbadeeffameera.Jawaar haalli amma irratti argamu waan darbe hunda dagachuusaa mul’isa.Egaa ‘kan waraane irraanfatus kan waraaname hinirraanfatu’ jechuun dhugaa lafarra jiru namticha kana yaadachiisuun akka adabatu taasisuun barbaachisaadha.

Jawaar shira siyaasaa keessa galuudhaan hoogansi jijjiiramaa akka gufatee karaatti hafuuf kanaan dura hanga mana hidhaatti darbatamutti waan danda’e hunda raawwateera.

Keessumattuu muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad borumtii jijjiiramaatti maseeraa mootummaa haaromsuu irraa eegalee hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an akka fudhatama hinarganneef dula maqaa balleessii banuudhaan Dr.Abiy warra Atseewwaniitiif dhaabbate,isaaniif falmaa jira jechuun jibbiinsa uumuuf carraaqeera.

Siidaan mootota durii maalif haaromfama jechuun haala hinbaramneefi dudhaa saba Oromoo keessatti hinbeekamneen Oromoon akka sabaatti obbolootasaa wajjin akka waldhabuuf socho’aa tureera.

Waan hundumaa obsaan ordofaa kan ture hooggansi jijjiiramaa ijibbaannaan Jawaar seeraan akka gaafatamuuf too’annoo jala oolchuun akka hidhamu taasise.Boodarra ammoo akka hidhamtoota kanneen biroo carraa argatee mana hidhaatii akka ba’u taasifameera.

Mana hidhaatii erga ba’ee booda onnatee biyya keessa jiraachuu kan sodaate Jawaar Mahaammad yaaddoo  irraa bilisa ta’ee jiraachuuf jecha biyya keeniyaa da’eeffachuudhaan Magaalaa Naayiroobii keessa jiraachaa jira.

Tibbana gocha maraattummaa baretti deebi’eera.Jibbi hooggansa jijjiiramaa irratti qabu akka isa keessaa hinbaane waanuma raawwachaa jirutu ragaa qabatamaadha.Hojiiwwan dinqisiifatamoo hoggansa jijjiiramaatiin biyya keessatti hojjetamaa jiran gadi qicuuniifi bu’aa dhabsiisuuf carraaquun jibba qaburraa kan maddedha.

Kana keessas kasaaraa siyaasaa isa mudate keessaa ba’uuf waan wixiffachaa jiru akka ta’e hubachuun rakkisaa hinta’u.Garuu wantoota hedduu erga balleesseefi dhaga’amtummaa kanaan dura hanga tokko qabu erga dhabee booda siyaasaanan  bu’aa galmeessia ummatan of duukaa hiriirsa jedhee sochii jalqabuunsaa gowwummaa qabu sirritti mul’isaa jira.Har’a Oromoo kamtu maqaa Jawaariin dhallisaa akka jalaa du’u barbaadaa?Oromoo kamtu akka waggoota jahaan dura taasifame daandiiwwan gurguddoo irratti dhakaa guuruudhaan karaan akka cufamu taasisaa?.Nuffii ummanni keessa jiru hubachuu dadhabuufi fedhii  guddaa ummanni bal’aan nagaaf qabu wallaaluun Jawaar sadarkaa hammamiitiin hubannoonsaa akka gadi bu’e mul’isa.Hundumaafuu maraataan fira hinqabne kun akka dhabuunsaa qabatamaan mul’achaa jira.Akka durii seetee hallayyaatti hindhidhimin jennaan!Deeggartoonnisaa yoo dandeessan gorfadhaa!

Post a Comment

0 Comments