Tibbana Naannoo Tigraay Maaltu Jira?




(YMN,Finfinnee,Amajjii 18/2017) Qondaaltoonni loltummaa Naannoo Tigraay garee Dabratsiyooniif loogan jedhamaa jira.Tibbana qondaaltoonni loltummaa Naannoo Tigraay walga’anii gareedhaan ibsa baasan.Ibsi isaan baasan garee Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliif kan loogan akka ta’an mul’isa.Gareen Dabratsiyoon iddoo Getaachoo Raddaa bu’uun taayitaa Naannoo Tigraay bulchuu akka qabatuuf fedhiisaanii akka ta’es himaniiru.

Amma achumatti walnyaachuu eegalaniiru.Kanneen naannichatti paartii mormitoota jedhamuun beekaman ibsa qondaaltoonni loltummaa Tigraay baasan kana isaanis gamasaaniitiin ibsa kennuudhaan balaaleeffataniiru.

Akka paartiiwwan mormitoonni Saalsaay-wayyaaneefi kanneen biroo ibsa baasaniin jedhanitti qondaaltoonni loltummaa Tigraay ibsa kana kan baasan saamicha raawwachaa turaniin akka seeraan hingafatamneef yaaduudhaani.Odeeffannoo kanaan dura tamsa’aa tureen janaraaloonni loltummaa Tigraay saamicha omisha warqii iratti bobba’anii kan turan ta’uunsaanii mirkanaa’eer

Haala qabatamaa amma jiruun ummanni naannichaa yaaddoo keessa akka jiru odeeffannoowwan dhimma Naannoo Tigraay irratti xiyyeeffachuun tamsa’aa jiran mul’isaniiru.'Sochiin jiru fakkeessaadha.Mootummaa Itiyoophiyaatiin waraanni akka ka'uuf Shaabiyaa wajjin qindoomina qabu' jechuun kan himanis jiru.Warri shiraa,shira ittiin jiraachaa turan keessaa ammallee ba'uu hindandeenye jechuudha.Shirri baran eessaan akka isaan ga'u yeroon kan nutti himtu ta'a.


Kun kanaan utuu jiruu jiraattoonni magaalaawwan gara garaa Naannoo Tigraay humna waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa cabsuuf socho’uuf obsa hinqabnu jedhaniiru.Jiraattoonni akeekkachiisa kana kan dhageessisan hiriira kaleessa adeemsisaniin akka ta’e beekameera.Waayyaanneen gowwaadha.Duruu anuma qofaatu humna qaba jettee yaaddi.’Yaa Gowwaa Siduubaan Bowwaa’ jennaan.Haata’uutii humni ummata dura dhaabbachuu danda’u akka hinjirre beekamaadha.Waayyaaneen foolachaa jirti.Ummanni naannichaa ammoo diddaasaa mul’iseera.Waan ta’u bullee ilaalla.

Post a Comment

0 Comments