Gaaffii mootummaa ca'uumsaa yeroo adda addaatti gaafachuun aadaa keenya kabajamaadha.Aadaan keenya beekamaafi kabajamaan kun sirrtti dagaaguu akka danda'uuf balbala cufannee mari'achuun barbaachisaadha.Qaamoleen hawaasaa dhimmi isaan ilaallatu hundumtuu waan kana irratti hirmaachuu qabu.Hirmaannaan isaanii cimnaan kaayyoon qabannee kaane galmasaa ga'uun waan hinoolledha.Kaayyoon ergamtummaa qabnus milkaa'uu kan danda'u karaa kanaan qofa akka ta'e hunduu hubachuu qaba
Nuti gadi-galoo waan taaneef fakkaattiiwwan keenya qindeessuudhaan socho'uu qabna.Gadi-galoowwan akka keenyaa gamaa-gamana jiran walitti funaanuudhaan yoo sochoone aadaan keenya kabajamaan kun dudhaasaa eegee bara baraan akka jiraatu taasisuu dandeenya.Nuti kaansarii qabsoo Saba Oromoo akka taane hundatu beeka.Beekkamtummaan keenya kun akka hindagatamneef haala mijaawaa argannu hundatti fayyadamuudhaan gaaffii mootummaa ca'uumsaa gaafachuun hojii keenya guddaa cimsinee itti fufuu qabnudha.Muuxannoo nuti qabsoo bara dheeraatiin horanne kana humnoonni biroos akka itti fayyadamaniif deeggarsa taasisuu qabna.
Dhugaa kana qalbeeffannee kutannoodhaan yoo sochoone Aadaan Mootummaa Ca'uumsaa Gaafachuuf qabnu dagaagaa deemuudhaan umuriinsaa akka dheeratu taasisuu dandeenya.Faranjoonni harka nuuf dhahanis deeggarsi nuuf taasisan akkuma kanaan duraatti cimee kan itti fufu ta'a. Akkasumas deeggarsi warra Misiraa yeroo hunda nuuf taasifamu utuu addaan hincitin finiinee akka itti fufu taasisuus dandeenya.
Tooftaan iddoo lama dhaabbachuun socho'uu jechuunis maqaa paartii seera seera qabeessa ABO,KFO jedhu qabannee,sobaan heera mootummaa Itiyoophiyaa kan deeggarru fakkaannee socho'uun akkasumas gaaffii mootummaa ca'uumsaa hundeessuu gaafachaa umurii hanga ammaatti horanne caalaa argachuu dandeenya.
0 Comments