Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa walgayii ariifachiisaa waameera



Manni marichaa kibxata dhufu Guraandhala 11 bara 2017'f walgayii ariifachiisaa kan waame gabaasa raawwii hojii komishinii marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojjetame dhaggeeffachuun yeroo turtii komishinnichaa dheeressuuf akka ta'e himameera.
Komishinichaaf yeroon mana marii bakka bu'oota ummataatiin ramadame waggaa sadi ta'us komishinichi hojiiwwan marii biyyaalessaa jalqabe xumuruuf yeroon dabalataa akka barbaachisuun kanaan dura himamuun niyaadatama.
Daangaan yeroo komishiniichaa waggaan sadaffaan baatii Guraandhalaa amma keessa jirru kanatti kan xumuramu akka ta'e beekameera.

Diinoonni Itiyoophiyaa keessaafi ala jiran hojii komishiinii marii biyyaalessaa gadi qicuuf yaalaa turanis komishiiniin marii biyyaalessaa sadarkaa kaayyoo hundeeffameef milkeessuu danda'uun Naannoowwan Itiyoophiyaa irra jiraatti hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an qabatamaa akka hojjete nibekama.
Keessumattuu mariin ajandaa walitti qabuu sadarkaa Naannoo Oromiyaatiin adeemsifame fakkeenuymmaadhaan kan fudhatamu akka ta'e kanaan dura himameera

Post a Comment

0 Comments