Itiyoophiyaan Balbala Galaanaa Argachuun Dirqamadha!




Itiyoophiyaafi Ruusiyaatu waliif mallatteesse.Dhmma maaliirratti? jechuun keessan waan hinoolledha.Biyyaaleen lameen dhimma Galaanaa irratti waloon hojjechuuf waliigalan.

Humnoonni Galaanaa Itoophiyaafi Ruusiyaa haala damee kana irratti waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.Erga mari’atanii boodas tibbana waliigaltee mallatteessan.

Humni Galaanaa Ruusiyaa tumsa gara fuulduraatti Humna Galaanaa Itoophiyaa waliin qabaatu irratti mari’achuu odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame mul’iseera.

Diinni Itiyoophiyaa kana yoo argu nirifatee hoollata.Yaaddootu itti hammaata.Akkuma bare ammoo Itiyoophiyaa keessatti hookkarri akka babal’atu taasiseen sochii Itiyoophiyaan balbala Galaanaa qabaachuuf taasisaa jirtu gufachiisa jedhee yaade.

Tibbana diinni waanuma yaadee karoorfate hojiirra oolchaa jira.Sanuu ‘ani gufuu waliigaltee nagaa piriitooriyaa miti’jechuun waakkachaa, karoora qabate hojiirra oolfachaa jira.Tibbana gara kaabaatii maaltu ta’aa jira?Quba qabduu?

Waayyaanneen akkuma barte shira ittiin beekkamtu keessaa ba’uu hindandeenye.Shira dhuma hinqabne abbaashee gudeedasaa keessaa baatetu barsiiseen.Abbaan waayyaannee Shaabiyaadha.Shaabiyaatu kunuunsee guddiseen.Kun haqa hundaan beekamudha.

Akka tibbana himamaa jirutti firummaa dur qaban yaadachuudhaan waliigalteedhaan socho’anii mootummaa Itiyoophiyaa amma biyya hoogganaa jiru irratti diibbaa geessifna jedhanii wixiffachaa jiru.Inni waakkachaa jiranis irra diba akka ta’e beekamaadha.Shaabiyaan waan kana keessaa harka guutuu akka qabu hinshakkamu.

Waayyaaneen waliigalteen Nagaa Piriitooriyaa guutummaatti akka hojiirra hinoolleef sababoota gara garaa uumuudhaan wixiffachaa turte.Iccitiishii hunda obbo Getaachoo Raddaa ibsa tibbana magaalaa Finfinnee Hooteela Sharaatan Addistitti kenneen saaxilbaaseera.


‘Qabxiiwwan waliigaltee Nagaa Piiitooriyaa irra taa’an tokko tokkoon akka hojiirra hinoolleef nutu gufuu ta’aa ture’jedheera obbo Getaachoon.Dhugaawwan tamnitchi kun sababoota amansiisaa ta’an tarreessuudhaan hime waakkachuufi fashaleessuun hindanda’amu.Waayyaaneenis kana gochuuf humna hinqabdu.Filannoon dhumaa amma qabdu abbaashii Shaabiyaatti michoomuu qofa akka ta’e gochuma raawwachaa jirtuun mirkaneessite.

Diddaa Mootummaa Federaalaa irraa qabdu gochoota seeraan alaa Naannoo Tigraay keessatti raawwachaa jirtuun qabatamaan mirkaneessitee jirti.Ammaaf wanti gochuu dandeessu kanuma qofaa waan ta’eef kana raawwachaa jirti.Ragaan qabatamaan kana caalu eessaa dhufaa?Caasaan mootummaa yeroo ce’uumsaa Naannoo Tigraay akka diigamu taasisuun namoota ofiitiin guutuun,akka obbo Getaachoon himettis waajjiraalee cabsuudhaan Chaappaa hatuun fedhiishii hattummaa ittiin beekamtu guuttachuu irraa madda.

Gochoota seeraan alaa kana raawwachuuf warri waayyaanee sababa quubsaa qabatamaa ta’e qabu.Waggoota hedduuf yeroo taayitaa biyya bulchuu qabatanii turanitti biyyaafi ummata saamaa turan.Qabeenyi mootummaafi Ummata Itiyoophiyaa irraa hataa turan qabeenya dilbii mararuun akka horataniif isaan gargaareera.Finfinnee dabalatee Magaalaawwan Itiyoophiyaa hedduu keessaa maqaa adeemsa seera qabeessaatiin Gamoowwan hedduu ijaarsisan qabu.Qabeenya kanaan fayyadamuuf mataa biyyaa Finfinneetti deebi’uu barbaadu.Haala salphaa ta’een akka hindeebineef gufuu cimaatu itti uumame.

Mootummaa jijjiiramaatu gufuu waayyaannee ta’e.Gufuu mudateen kana warri waayyaannee mala kamittuu fayyadamuudhaan of duraa buqqisuu barbaadu.Gufuu cimaa salphumatti shiraan buqqa’uu hindandeenye.Hanga yoonaatti waan danda’an hundaan yaalaniiru.Hindandeenye,fedhii qaban guuttachuu dadhaban.

Abdii kutachuudhaan adabatanii taa’uunis itti ulfaate.Yakkoonni suukaneessan gara garaa erga taayitaarraa bu’anii booda raawwataniifi raawwachiisanis sammuusaanii jeequudhaan boqonnaa isaan dhorke.Nagaan bu’ee haalli tasgabbaa’aan yoo uumame ammoo guyyaa tokko seeraan gaafatamuun keenya waan hinoolledha jedhanii yaadu.Ummanni Tigraay ijoolleesaa jalaa ficcisiifneyyuu nunteessisu yaaddoo jedhu qabu.

Sababa yaaddoowwan heduu sammuusaanii dhiphisee qabeen dirqamuudhaan Shaabiyaatti lammata michooman.Mootummaa Itiyoophiyaa Badhadhinaan durfamaa jiru fonqolchan malee haara-galfii akka hinargannes amanan.’Falli xumuraa qabnu Shaabiyaa wajjin michummaa keenya haaroomfannee Abiy fonqolchina,saniin booda wanti hundumtuu salphaadha.Shaabiyaattis deebinee haleeluu dandeenya’ jedhanii akka karoorfatan kan saaxileen miseesnuma isaanii Janaraal Tsaadiqaan Gabratasaay akka ta’e beekamaadha.


Egaa amma Itiyoophiyaan iddoo durii hinjirtu.Isaan idduma dur dhaabbatanitti waan hafaniif tooftaawwan duubatti hafaatti fayyadamuuf wixiffachaa jiru.Shaabiyaafi Waayyaaneen dhaabbilee tooftaawwan durii qabachuudhaan dulloomanidha.

Dulluma keessa jiraachaa Itiyoophiyaan balbala Galaanaa akka hin arganne taasisuun gonkumaa waan danda’amu miti.Jaarraa 21ffaatti wanti hundumtuu akka ittiin raawwatamuu danda’u waan hinbeekneef mala duriitti cichuudhaan raakamaa jiru.Ammaan booda humni mootummaa jijjiiramaa  dura dhaabbachuu danda’u gonkumaa hinjiru.

Karoorri balbala Galaanaa argachuuf qabames guutummaatti hojiirra oola.Seeraanis ta’e Seenaan Itiyoophiyaan balbala Galaanaa ofiin bulchitu qabaachuun dirqamadha!Humni fedhii kana dura dhaabbachuudhaan duubatti deebisuu danda’u akka hinjirres hubatamuu qaba.

Waci amma gamaa-gamanaan dhaga’amaa jiru fakkeessaadha.Kan humna qabu miti.Fedhii balbalbala Galaa ofii qabaachuu Ummata Itiyoophiyaafi mootummaa Itiyoophiyaa dura dhaabbachuu eenyullee akka hindandeenye mirkanaa’aa dhufeera.Yoo yaada qabaattan brehuri1@gmail.com irratti naaf ergaa.Waan dubbiftaniif galatoomaa,fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments