Mootummaanis ta’e
Ummanni bal’aan kana barbaada.Hidhattoonni hundumtuu daandii nagaa akka
filataniif irra deddeebiidhaan waamchi nagaa dhiyaachaa tureera.
Hidhattoonni
Naannoo Amaaraa godina shawaa kaabaa aanaa ‘Miiddaa Waramoo’ jedhamu keessa
socho’aaa turan waamicha kanaaf deebii kennaniiru.Awwaataniiru.Lakkoofsaan 467
akka gahantu himame.Deebii kennan kanaaf mootummaas ta’e ummata biraa galata
guddaa qabu.
Tuulaan qawwee kun
waa malee hinmul’anne.Hidhattoota karaa nagaatti deebi’an kana irraa walitti
qabame.Diinni haqa kana nihaala,waan ijaan argus sababa uumuudhaan akka
waakkatu beekamaadha.Egaa diinni waakkates dhiises waan qabatamaan ta’e kana fashaleessuun waan
danda’amu hinta’u.
Abjuun warra
kaabaa kanaan fashalaa’aa jira.Wanti abdatan hunduu jalaa diigamaa jira.Hidhattootatti
fayyadamuudhaan mootummaa jijjiiramaa jilbiinfachiifna jedhanii yaadan.Wanti
yaadan kan karoofatan galma akka hingeenyeef
kunoo qabatamaan mul’achaa jira.
Shirri waayyaaneen
abbaashii Shaabiyaa wajjin shirte erguu gahuu akka hindandeenye Misraanis qalbeeffachuunshii waan hinoolledha.
Qindoominni Soomaaliyaan,Misiraafi Eertiraan tibbana irra deebiidhaan uummatan
hidhattoonni karaa nagaatti waan deebi’aa jiraniif bishaan jalaa
dhugeera.Sussukni Itiyoophiyaan badhaadhina waaraaf eegalte ammoo finiinuudhaan
kan itti fufu ta’a.
0 Comments