Siidaa Injifannoo Adwaa 2ffaa!

 


 


Hidha Abbayyaa!Pirojaktii Misoomaa haala Itiyoophiyaa jijjiire!

Itiyoophiyaan teenya biyya guddittii hamma geessuun beekkamtii utuu hinargatin turtedha.Biyya guddoo utuu qabduu dhabduu taatee waggoota hedduu dabarsite. Itiyoophiyaa teenya situ numarara.Ummattoonni Itiyoophiyaa waan biyyi isaanii qabdutti fayyadamuu dadhabuudhaan baroota hedduuf jireenya hiyyummaafi gadadoo keessa jiraachaa turan.

Qabeenya uumamaa hedduu qabna.Qabeenya uumamaa biyyi keenya qabdu gara faayidaatti jijjiirree itti fayyadamuu waan dadhabneef rakkoolee hedduudhaan dararamnee waggoota hedduu lakkoofsifne.Waan qabnu wallaallee gara biyyaalee alaatti godaanne.Kan qabnutti fayyadamuu dadhabnee tajaajiltuu ormaa ta’uuf dirqamne.

Biyyumma keenya keessatti hojjennee jijjiiramuun akka danda’u utuu beekamuu of gowwoomsaa maallaqa kumaatamaan lakkaa’amu baasii taasifnee caasaa dallaalotaa qindoomina qabuuf kennuudhaan  iddoo feenu ga’uu utuu hindanda’in irbaata galaanaa taane.Akka carraa nuuf milkaa’ee kanneen biyya ormaa galuu dandeenyes  jireenya gammachuu jiraachuu dadhabne.Dhugaan kun hunda biratti beekamaadha.

Maddi rakkoo kana hundaa waan qabnutti fayyadamu dadhabuudha.Amma dhimmi guddaan burjaaja’uumsa kana keessaa harkisee nubaasu dhalateera.Hidha Haaromsaa!Abbayyaa!

Hidhi Abbayyaa Qaammee 03,2017 haala ho’aa ta’een Guubaatti eebbifame pirojaktii misoomaa guddaa akka lammiitti mataa gadi qabachuu keessaa baanee akka mataa ol’qabannee sochoonu nutaasisedha.Kun ammoo guyyaa eebba isaarraa eegalee qabatamaan mul’achuu jalqabeera.Sababba adda addaatiin shakkii keessa turre,Ijaarsisaa xumuramee eebbaaf gahaa laata? Jennee kan shakkine hedduudha.Sababa qabna,kanaan dura ijaarsisaa sadarkaa kana irra ga’eera jedhamee oduun sobaa nutti himamaa ture.Tarii kana irraa ka’uun shakkine.

Carraaqqii obsa fixachiisaa adda dureen hooggansi jijjiiramaa taatsiseen shakkee haguugee nuqabe keessaa amma mamii malee baaneerra.Hidhi haaromsaa eebbifameera.Hooggantoonni biyyaalee ollaafi biyyaalee fagoos iddootti argamuudhaan dinqisiifannaa isaanii jechaan dabaalanii haasawaan miidhagsanii mul’isaniiru.

Ragaan qabatamaan kana caalu eessumaayyuu dhufuu hindanda’u.Hidhi Haaromsaa keenya dafqa keenya itti xuruurfannee lubbuu lammiiwwanii itti dhabnee ijaarranne sirna miidhagaa ta’een Guubaa irratti nuuf eebbifameera.Baga gammadne!

Post a Comment

0 Comments