Marii Biyyaalessaa Seenaa Qabeessa!



(YMN,Hagayya 11,2018) Waltajjiin kun seenaa-qabeessadha kan jedhamaa jiru sababa malee miti.Akkana jechuuf sababa quubsaa hedduutu jira.Sababiin duraa mariin kun yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaa keessatti kan adeemsifamaa jiru ta’uusaati.Kanaan dura wanti akkanaa  hinyaadamne,hinyaalamnes.

Wanti yeroo jalqabaatiif adeemsifame medaallii kamiiniyyuu kan jalqabaa jedhama,seenaa-qabeessadha jedhamees himamaaf.Sababa Kanaan Yaa’ii Mari Biyyaalessaa Adoolessa 8,2018 irraa eegalee Magaalaa Finfinneetti adeemsifaamaa jiruun yaa’ii seenaa-qabeessa ta’e jechaanii jirra.

Amma gara sadarkaa xumuraarra waan ga’ame fakkaata.Odeeffannoon komiishiiniin marii biyyaalessaa ifoomsaa jirus kanuma kan mul’isudha.Yaadi hirmaattoota yaa’ichaatiin qindaa’eefi qulqulinaan qophaa’e Roobii dhufu hirmaattoota yaa’ichaatiin ragga’a jedhamee eegamaa jira.

Odeeffannoo komishiiniin marii biyyaalessaa har’a kenneen akka himametti yaa'iin marii biyyaalessaa Roobii dhufu xumurama.Odeeffannoo komishiinichi kenne irraa hubachuun akka danda'ametti yaa'chi Roobii dhufu yaadawwan qindaaa’anii dhiyaatan erga ragga’anii booda kan xumuramu ta’a.
Komishinarri Komishiinichaa Hiruut Gabrasillaasee ibsa har’a waareerra kennaniin marichaan bu'aan baay'oota gammachiisuufi biyyaaf tolu galmeeffamaa jira jedhan.
Adeemsa irratti kanneen komii qabaniif mana marii komishinarootaatiin deebiin akka kennamus himan.Yaadawwan hirmaattoonni yaa'ichaa miidiyaawwan biyya keessaatiif himaa jiran abdiin guddaan akka jiru kan mulisanidha.



Hundumaafuu rakkooleen Ummataafi biyyaa fala waaraa yoo argatan hundatu fayyadama.Badhaadhina biyyaatu haala amansiisaa ta'een itti fufa.Karaa birootiin Yaa’iin seenaa-qabeessi kun akka gufatuuf humnoonni adda addaa carraaqqii ol’aanaa taasisaniiru.

Keessumattuu humnoonni ala jiraatan kan rakkoo Itiyoophiyaatiin fayyadaman adeemsa yaa’ichaa wajjin walqabatee wanti odeessaa turan ummata bal’aa irratti yaaddoo kan uumedha jechuun nidanda’ama.Keessumattuu waan hinjedhamneefi hin’himamne fakkeessanii miidiyaawwan hawaasummaa irratti odeessuudhaan baay’oota burjaajessuuf yaalaniiru.

Akka hubatamutti waan hunda irratti waliigaluun rakkisaa ta’uu danda’a.Ilmaan maatii tokkoo mana tokko keessa jiraatanuu waan hunda irratti waliigaluudhaan tokkoo ta’uu hindanda’an.Dhimmoota maatii murteessaa ta’an irratti garuu waliifaluunsaanii waan hin’oolledha.Kunis akkasumatti fudhatamuu qaba.Waan hafeeffi rakkisaa ta’etti dhawaataan fala barbaaduun nidanda’ama.Wanti walfalmisiisaa ta’e jedhames idduma jiru tura.Bararee biyyaa ba’uu hindanda’u.

Kanaaf wantoota ammaaf irratti waliigaluun hindan’amne irratti ilaafi ilaameedhaan diinaaf qaawwa utuu hinbanin suuta wal hubachuun waliigaluun waan rakkisaa ta’uu hindanada’u.

Murtee xumuraatiin wantoonni hedduun boodarra kan beekaman ta’uunsaanii akkuma jirutti ta’ee yaadi hirmaattoonni yaa’ii marii biyyaalessaa miidiyaawwan adda addaatiif kennaa jiran garuu hawaasa bal’aa biratti abdi guddaa horuu kan danada’anidha.Kanatu barbaadama.Ummanni bal’aan Nagaa dheeboteefi socho’ee hojjetatee jiraachuu barbaadu yaa’ichi milkaa’inaan xumuramee wantoonni isa dararaa turan akka maqfamaniif barbaada.Dhimma biyya keenya Itiyoophiyaa irratti waan Roobii dhufu Komishiinii marii biyyaalessaatiin himamu walumaan kan dhageenyu ta’a.Achiin nuhaaga’u!


Post a Comment

0 Comments