(YMN,Finfinnee,Hagayya
26,2018) Itiyoophiyaan teenya biyya uumamaan badhaateefi qabeenyawwan uumamaa
baay’ee dinqisiisoo ta’aniin beekamtudha.Qabeenyawwan dinqisiisoo keessaa
barreeffama Kanaan qabeenya uumamaa Naannoo Oromiyaatti argamu,waa’ee Gaarreen
Baaleefi Paarkii biyyaalessaa Baalee kan ilaallu ta’a.
Guyyaan
Turiizmii Idil Addunyaa dhiyeenyatti jechuun Baatii Fulbaanaa keessa Ayyaana
Masqalaa dhufu booda itti fufiinsaan kabajama waan ta’eef waa’ee qabeenyawwan
keenya hawwattoota Turiistii ta’aniirratti hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaa
waan ta’eefin dhimma kana irratti xiyyeeffadhe.Misooma damee Turiizmiitiif xiyyeeffannoo
Mootummaan Itiyoophiyaa kennes walqabsiiseen kaasa.Dubbisaa!
Gaarreen
Baalee dinqisiifatamoodha.Paarkiin Biyyaalessaa Baalee akka hundeeffamee har’a
ga’uuf shoora guddaa kan gumaache gaarreen Baaleefi qabeenyawwan uumamaa
Gaarreen Baalee keessatti argamanidha.
Akka
durii miti, amma Gaarreen Baalee
ni’eegamu,nikunuunfamu.Kanaaf ammoo haala mijaawaa kan uume Paarkii
Biyyaalessaa Gaarreen Baalee waggootaan dura hundeeffamuun tajaajila kennaa
jirudha.
Paarkii biyyaalessaa Gaarreen Baalee keessatti Jeedala Diimtuu eessumattuu hin’argamne dabalatee Bindeeldoota hedduutu jiraata.Isaan kunis daawwattoota hawwachuudhaan beekamu.Tuuriistoonni biyyaalee alaa kumaatamaan lakkaa’aman yeroo adda addaatti qabeenyawwan uumamaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee keessatti argaman daawwachaa turan,garafuulduraattis Turiistoota kumaatamaan lakkaa’amantu daawwata.Kanaafis biyya keessatti haalli mijaawaan uumameera.
Haalawwan
mijaawaan daawwattootaaf uumaman lakkoofsi daawwattoota naannawichaa dabalaa
akka deemuuf shoora kan gumaachanidha.Daandiin gara naannawichaa geessu
jiraachuun,iddoon bulmaataa qophaa’uun,akkasumas tajaajilli Hootelotaa akka
babal’atu taasifamuun kan eeramamidha.
Karaa birootiinis loojiiwwaniifi
paarkiiwwan bashannanaa naannolee biyya keenyaa adda addaa keessatti
miidhagfamanii hojjetaman misoomni damee Turiizmii daran akka babal’atuufi
amansiisaa akka ta’uuf shoora guddaa gumaachu.Hawwattoonni Turiistii kan akka
Wancii,Gorgora,Cabaraa Curcuraafi kanneen biroo naannolee gara garaa keessatti
kaka’uumsaafi qajeelfama mootummaa Ida’amuutiin ijaaraman jijiirama qabatamaa
damee misooma Turiizmiitiif shoora guddaa gumaachaniiru.
Qabeenyawwan uumamaa akka biyyaatti
qabnu misoomsuudhaan Turiistii hawwachuu akka danda’anitti ijaaruufi
miidhagsuun bu’aa diinagdee damee kana irraa argamu amansiisaa taasisuuf
gargaara.Bu’aan diinagdee damee kana irraa argamu itti fufiinsa yoo qabaatu
ammoo akka biyyaatti guddina diinagdee amansiisaa ta’eefi gufuudhaan
hinjilbiinfanne qabaachuu dandeenya.
Guddiinni diinagdee biyyaa amansiisaa ta’ee itti fufiinsa qabaannaan haalli jireenya lammiiwwan hundaatuu dhawaataan fooyya’uunsaa waan hin oolle ta’a.Kanaaf carraaqqii gama kanaan mootummaan ida’amuu kutannoodhaan taasisaa jiru tumsuufi qabatamaan itti hirmaachuun dhimma murteessaadha.
Adeemsa darbe keessatti abbootiin
qabeenyaa biyya keenyaa sadarkaa adda addaa irratti argaman sagantaa “Maaddiin Dhalootaa” fi kanneen birootti hirmaannaa maallaqaa taasisuun akkasumas
dhiyeessii meeshaalee ijaarsaatiin qooda fudhachuudhaan hojiiwwan lammii hunda
boonsuu danda’an akka hojjetamaniif shoora gamasaanii gumaachaniiru.Garafuulduraattis
deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan yaada Kanaan dura kennaniin kan
mirkaneessan ta’uun nibeekama.



0 Comments