(YMN Finfinnee
Sadaasa 19/2017) Hojiirra oolmaan sagantaa wabii nyaataa kan marsaa 5ffaa
qoratameera.Sagantaan kun waan hojiirra ooleef Magaalaafi Baadiyaatti lammiiwwan hedduutu fayyadamaa
jira.Sagantichi kan hojiirra oolaa jiru misoomaafi abdii fuulduroo lammiiwwanii
jiddu galeessa taasifachuudhaan akka ta'e nibeekama.
Mirri gargaaramtummaa lammiiwwan keessatti akka hinuumamne
taasisuudhaan hojjetama.Kanneen hojiirra
oolma sagantichaatiin fayyadamaa jiran dhawaataan of danda'uun saganticha
keessaa akka ba'an taasifama.Hojjetanii carraaqqachuudhaan deeggarsa sagantaa
kanaan kennamu argatu.
Sagantaan
qindoomina mootummaa Itiyoophiyaafi Dhaabbilee idil addunyaa tola ooltoota
jedhaman deeggarsa gumaachaniin hojiirra oolaa jiru kun amma yeroo 5ffaaf Itiyoophiyaatti
kan qoratame marsaa itti aanu milkaa'inaan hojiirra oolchuun akka danda'uuf
yaadameeti.
Odeeffannoo dhimma
gargaarsaa wajjin walqabatee jiru kan birootiin diinonni Itiyoophiyaa biyyi
keenya idduma kanaan duraa jirti jedhanii yaadaa akka jiran quba qabduuyii?Weellisaan
beekamaan biyya Ayarlaand Boob Giildoof weelluu waamicha gargaarsaa waggoota
afurtamaan dura bara beelaa 1977 baase marsaa afraffaan tibbana baaseera.
Gocha kana
muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dabalatee qaamoleen gara garaa
balaaleeffataniiru.Dr.Abiy weelluun kun yeroo ammaatti faayidaa isaarraa
miidhaa geessisutu caala jechuun balaaleeffatan.Sababiin qabataamaan
balaaleeffannaa isaanii Itiyoophiyaan har'a iddoo durii hinjirtu kan jedhu akka
ta'e hubatameera.Dhugaadha!Biyyi keenya Itiyoophiyaan ammaan tana iddoo
duriirra akka hinjirre hundatu beeka.Diinni ammoo dhugaa qabatamaan jiru hunda
caalaa beeka.Kanaaf Itiyoophiyaa gadi qicuuf maqaa gaarii ijaarrachaa jirtu busheessuuf
adeemsa kanaanis galii dhuunfaa bare argachuuf socho'aa jira.
Boob Giildoof
faayidaawwan bara Waayyaanneetti maqaa Investimantiitiin argachaa ture yeroo
badhaadhinaatti dhabuuf waan dirqameef Itiyoophiyaa keenya irratti haaloo
qabachuudhaan weelluu waamicha gargaarsaa irra deebi'uun maxxanse.Kanaanis
faayidaa lama argata.Faayidaan jalqabaa deeggarsa arjoomtotaatiin galii
dhuunfaa walitti qabachuu yoota'u faayidaan lammataa maqaa Itiyoophiyaa
busheessuun diinota Itiyoophiyaa irraa deeggarsa itti fufiinsa qabu
argachuudha.
Itiyphiyaan
gargaarsa Qamadii biyyaalee lixaa irraa waggaa
waggaan eeggattu keessaa baatee omisha Qamadiitiin of danda’uunuu garaa diinaa
bobeessaa akka jiru quba qabnaa laata?Tuttuqaan diinaafi inaaftotaa carraaqqii
hiyyummaa keessaa ba’uuf taasisaa jirru daran akka finiinsu shakkiin hinjiru.
Odeeffannoowwan
dabalataa beekumsa isiniif dabalan idduma jirtanitti argachuu yoofeetan kanneen
irraayis hordofuu dandeessu:
Blog: https://yaadimedianetwork.blogspot.com/
Medium.com: https://medium.com/@Yaadimedianetwork
Facebook page: https://www.facebook.com/Itiyoophiyaakoo
X.com: https://x.com/Qaroomina
Telegram: https://t.me/yaadimedianetwork
Instagram: https://www.instagram.com/yaadimedianetwork/
Linkdein: https://www.linkedin.com/in/yaadimedianetwork/
Pinterest: https://www.pinterest.com/yaadimedianetwork/
Youtube: https://www.youtube.com/@yaadimedianetwork
Tik Tok: https://www.tiktok.com/@yaadimedia1/
0 Comments