Oduu Aagaatu Dhaga’ame! Araara!

  



(YMN,Finfinnee Sadaasa 22/2017) Oduun Aagaa kun har’a dhaga’ame.Waliigaltee araaraatu mallatteeffame.Sabni kana barbaada.Fedhii Ummataa guutuu keessaa inni kun tarkaanfii jalqabaati.Waliigalteen araaraa har’a Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO zooni Jiddu galeessaa gidduutti mallatteeffame seenaa-qabeessadha.

Guyyaa har’aa Hooggansa Ol’aanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) zoonii jiddu galeessaa gidduutti walii galteen Araaraa mallatteeffamuunsaa Nagaa Oromiyaa  waaressuuf shoora guddaa gumaacha.

Waliigaltee kana gama Mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yoo ta’an gama Waraana Bilisummaa Oromoo( WBOn) ammoo qondaala ol’aanoo WBO kan ta’an jaal Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.


Ajajni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galeessaa Sanyii Nagaasaan durfamu hidhattootaa Jaal Marroo ykn. Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda bahuun isaanii kanaan dura himamaa tureera.

Tarkaanfii seenaa-qabeessa kana jajjabeessuun barbaachisaadha.Ijoolleen Oromoo waraana Bilisummaa Oromoo zoonii jiddu galeessaa keessa turtan karaa nagaa filattanii waliigaltee araaraa kana waan mallatteessitaniif baga gammaddan!Waamicha Nagaa Ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deddeebiidhaan dhiyeessaa turaniif deebii guutuu kennitan.Galatoomaa!

Murtee guddaa isin dabarsitan kana dura kanneen dhaabbachuu barbaadan gamaa-gamana jiru.Waliigaltee araaraa kana kanneen gadi qicuu barbaadan jiru.Sababa hintaane tarreessuudhaan waliigaltee araaraa kana fashaleessuuf kan socho’aa jiraniif gurra kennuun hinbarbaachisu.


Waci humnoonni nagaa hinbarbaadine gamaa-gamanaa dhageessisuu jalqaban qalamni waliigalteen araaraa itti mallatteeffame utuu hingogin kan eegalamedha.Ammaan boodas waan hedduutu jedhamuu danda’a.Carraaqqiin burjaaj’uusa uumuuf taasifamaa jiru ajaa’ibsiisaadha.

Adeemsa faallaa kanarra kan jiran nagaan dhabamuusaatiin kanneen fayyadaman qofa akka ta’an sirritti beekama.Nagaan yoo bu’u fedhiin isaanii guutuu hindanda’an.Kanaaf balaaleeffachaa jiran.Humnoota sababa adda adddaa uumuudhaan waliigaltee nagaa mallatteeffame fashaleessuuf,shakkii uumuuf wixiffachaa jiran dura dhaabbachuun dirqama lammiiwwan nagaa barbaadan hundaati.


 

Odeeffannoowwan dabalataa beekumsa isiniif dabalan idduma jirtanitti argachuu yoofeetan kanneen irraayis hordofuu dandeessu:

Blog: https://yaadimedianetwork.blogspot.com/

Medium.com: https://medium.com/@Yaadimedianetwork

Facebook page: https://www.facebook.com/Itiyoophiyaakoo

X.com: https://x.com/Qaroomina

Telegram: https://t.me/yaadimedianetwork

Instagram: https://www.instagram.com/yaadimedianetwork/

Linkdein:  https://www.linkedin.com/in/yaadimedianetwork/

Pinterest: https://www.pinterest.com/yaadimedianetwork/

Youtube: https://www.youtube.com/@yaadimedianetwork

Tik Tok: https://www.tiktok.com/@yaadimedia1/

Post a Comment

0 Comments